Subscribe To Our YouTube Channel

Bineensota Arfan (Arbaetu Ensisa) | Kutaa 2ffaa

Bineensota Arfan (Arbaetu Ensisa)

Kutaa 2ffaa



Koochoowwan isaanii

Baay'inni Kochoowwan isaanii jahadha (6). «Koochoowwan isaaniis gubbaa irraa diriirfamee ture. Koochoon lama lama kan tokkoon tokkoon isaaniis kan wal qabatan turan. Lama lamaan isaaniitiinis qaama isaanii uffisu ture.» Hizq. 1:11. Kunis koochoowwan isaanii mirgaa gara bitaatti, bitaa irraa gara mirgaatti wal jala darbu. Harka isaaniis akka koochoo isaaniitti ni dachaasu, ni diriirsu, koochoo isaanii gara gubbaatti diriirsuun isaanii tajaajilatti of kennanii tajaajiluu isaanii (Tiemirte Temesxo) , gara gadiitti ykn gara jalaatti diriirsuun isaanii ammoo  akka tajaajilaatti mallattoo gadi of qabiinsaa (Kasoominaa) ti (Tiemirte Tihitinna), harka isaanii bitaa fi mirgatti diriirsuun isaanii ammoo mallattoo ergamummaa isaaniiti ykn ergama isaaniiti (Tiemirte Teliko) , Akkasumas dachaasuun isaanii ammoo mallattoo bitamuu isaaniiti (Tiemirte Tekeniyo). Bifa biraatiin ykn karaa biraatiin ammoo akkaataan ykn taateen Koochoowwan isaanii yeroo ibsamu; Koochoo isaanii gara gubbaatti ykn gara oliitti diriirsuun isaanii:- Amalummaan kee ol ba'aanis, gadi bu'anis, bahaa amma lixaatti addunyaa hunda naanna'aanis hin qoratamu, lafa irratti, Samii irratti, Addunyaa guutuutti, Qilleensa irratti iddoo hundatti guutuudha yeroo jedhanidha ykn guutuu ta'uu isaa yeroo ibsanidha. Itti aansuun gara gubbaatti ykn gara oliitti, gara gadiitti, gara bitaatti, gara mirgaatti yeroo diriirsan ammoo  Mallattoo Fannoo ta'a. Kunis nama taatee, foon uffattee, Fannoo akkasii irratti fannifamtee Addunyaa ni fayyistaa yeroo jedhan Hizqi'eeliif, Addunyaa fayyisteerta jedhanii Qulqulluu Yohaannisiif akkasitti muldhataniiru.

Guyyaa Kamisaatti bocaa fi bifa garaa garaan Umamtoonni ykn bineensonni uumaman kufaatii ijoollee namaa fi fayyina ijoollee namaa waliin seenaa walqabataa qabu. Bineensonni warreen xuraa'oo ykn gadhees ta'e gaarii fakkeenyi kennameefii namootaaf hojii kan ibsan ta'aaniiru, kufaatii Addaam yaadaan gara duubaatti deebinee yeroo ilaallu garaa isaatiin kan loo'u Bofa ni yaadanna. Uma. 3:1. Bishaan badiinsaa yeroo ilaalluttis Gugee ni yaadanna. Uma. 8:9. Fakkeenyummaa isaaniis yeroo ilaallu ammoo gara laafummaa isaaniitiin bineensonni fakkeenya Kiristoos ta'aan jiru. «Cubbuu Addunyaa kan balleessu, Hoolaan Waaqayyoo, Hoolaa qalamuuf oofamu» Yoh. 1:29, Isa. 23:7. Jechuun Raajonni waan baay'ee barreessaniiru, bifa isaaniitiin, sodaachisummaa isaaniitiin filatamoo ta'aanii kan isaan arginu ni jiru. Gooftaan keenya; Leenca Yihuudaatiin, Qulqulluun Maarqoosis Leencaan fakkeeffamanii isaan argina. Addunyaa Simbirrootaatti yeroo ilaallu ammoo kennaa guddaa kan qaban Abbootii Duuka Bu'ootaa bakka bu'anii isaan argina. Fayyisaa Addunyaa, nama kan jaallatu kan ta'e Waaqayyo waqtii ykn yeroo qorraatti yeroo dhalatu namoonni uffata uffatu yeroo hin kennineefitti Bineendonni garuu afuura isaanii gabbaraniifiiru. «Sangaan gooftaa isaa, Harreenis mana gooftaa isaa bare, Israa'eel garuu na hin barre, uummanni koos hin hubanne.» Isa. 1:4. Gooftaan keenyas namoonni gatii kan hin kennineef Afuura Bineeldotaaf gatii kenneera. «Bineeldotaafi Harroonnis waqtii qorraatti afuura isaaniitiin isa ho'isan» Qiddaasee ykn Galatoo Maariyaam, Luq. 2:7. Bineeldonnis Masii'icha dhalate duratti gammachuudhaan utaalaniiru. Maalifi yoo jedhame  gooftaan Bineensotaa Addaam guyyaa itti Waaqa isaatti araaramu waan gaheefi. Ijoollen namaa Waaqayyo waliin yeroo wal lolan, Waaqayyo yeroo isaan adabu Bineensonnis namoota waliin gidiraan yeroo isaanirra gahe waan jiruufi. Kunis bara Nooh ykn Bishaan  badiinsaati. Uma. 8:1.

Bineensonni kunneen jireenya guyyuu namootaa waliin walitti hidhamuun faayidaa guddaa namaaf kunnuun, gammachuus namaaf ni uumu. Kanaafuu bineensonni kunneen kutaalee Addunyaa garaa gara keessa jiran akka furdataniif, akka wal horaniif, dhukkubaa fi dheekkamsa gara garaa irraa akka eeganiif bakka bu'ummaan kan kennameef Bineensonni Arfan waa'ee isaaniitiif akka kadhatan Sinkisaarri Sadaasa Saddeetii ni  dubbisiisa. Waaqayyo fuulduratti xiyyeeffannoon kan isaan hin dhorkamne, Soorummaan Ergamootaa kan isaaniin adda hin baane Bineensotaaf namoonni isaaniif yaaduun, isaan kunuunsuun barbaachisaadha. Mootichi Solomoonis «Namni qajeelaan bineensotaaf garaa laafa ykn ni yaada » Fakk. 12:10. jedheera. Bineensota gidirsuun eegdota isaanii mufachiisuudha.

Keessumattuu Kutaalee Kaaba biyya keenyaatti dheekkamsi namaa fi Bineensota irratti yeroo mudatu, dursees dheekkamsicha fageessuuf Abbootiin Luboonni Uffata Lubummaa isaanii uffatanii Ultuu Ixaanaa ykn Tsinihaa qabatanii guyyaa yaadannoo Bineensota Arfanii kan ta'e ji'a  Sadaasaatti iddoo jireenya bineeldotaa, mooraa bineeldotaa fi iddoo oolmaa isaanii ni ulu. Kunis Museen dursummaadhaan, Aroon Lubummaadhaan, yeroo Israa'eloota tajaajilanitti dheekkamsa uummata gidduutti mudatee ture akka fagessuuf Lubichi Aroon Ultuu Ixaanaa Warqee qabatee uummata gidduutti akka ulee fi dheekkamsichis akka bade Seera Lakk. 16:48 irratti barreeffamee ni argama.

Bineensonni Arfan fakkenya Wangeelaawwiwwaan Arfaniiti. Teessoon isaa Bineensota Arfaniin kan baatamu gooftaan, gadameessa Dubroo Maariyaam keessa osoo jiruu kaasee hanga du'aa fi ka'umsa isaatti hojiin fayyinaa ykn fayyisuu inni hojjate Wangeelaawwiwwaan arfaniin lallabameera.

1. Qulqulluun Maatewoos fuula Namaatiin fakkeeffama.

Nama ta'uu ykn foon uffachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos (Ilma Daawwit, Ilma Abrahaam ta'uu isaa) lakkaa'ii nu hubachiisi Ayihuudota ykn Mana Israa'eel isaan jedhaniin, hidda dhaloota isaa lakkaa'ee Abrahaamii kaasee hanga Qulqulleettii Dubroo Maariyaamitti kan jiru baldhinaan ibsee barreesseera. Fuulli namaa raajota Israa'eel durii biratti taatee baramaadha. Fknf:- Raajicha Waaqayyoo Daani'eeliif, Waaqayyo bifa ykn fuula namaatiin itti muldhateera. Dan. 7:13-14. Raajicha Hizqi'eel irratti jechi "Ilma namaa" jechu yeroo baay'ee irra deddeebiin barreeffamee argina. Kunis Qulqulluun Maatewoos Wangeela kan barreesse muldhata fuula ykn bifa namaatiin muldhatuuf bartee kan qaban Ayihuudotaaf waan ta'eef sababa kanaan moggaasa fuula ykn bifa namaa argachuu danda'eera.

2. Qulqulluun Maarqoos fuula Leencaan fakkeffama

Leenci Sa'aaf gooftaadha, ni cabsa. Qulqulluun Maarqoosis Waaqolii tolfamoo Sa'aa kan biyya Gibtsii turan balleesseera. Karaa biraatiin ammoo Leenci alaa yeroo Bookkisu hunda akkuma naasisu, innis ykn Qulqulluun Maarqoosis lallaba isaa Gammoojjiitti jalqabeen Seexanas fi raayyaawwan isaa naasiseera. Leenci cimaa ykn humna qabeessa akkuma ta'e Qulqulluun Maarqoosis hojii gooftaa keenyaa barreesseera.

3. Qulqulluun Luqaas fuula Sa'aatiin fakkeeffama

Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos mooraa Loonii keessatti dhalachuu isaa, guyyaa inni dhalatettis tiksoonni Ergamoota waliin faarfachuu isaanii Wangeelaawwiwwaan kaan caalaa sirriitti barreesseera. Luq. 2:8-18. Gama biraatiinis Saanni bara Kakuu Moofaatti bineelda aarsaaf dhiyaachaa turtedha. Qulqulluun Luqaasis Aarsaa Kiristoos fakkeenya kanaatiin barreessera. Luq. 15:22-24. Saanni horii gaanfaati, Kiristoosis gaanfa fayyinaa ta'uu isaa Raajichi Zakkaariyaas kan barreesse caqasuun ni barreessa. «Mana Daawwititti gaanfa fayyinaa kaaseera......» Luq. 1:71. Aannan Sa'aa daa'immaniif nyaata salphaa akkuma ta'e, Wangeelli Qulqulluu Luqaasis amantoota haaraaf salphisee ni seenessa, kana waan ta'eefis mallaattoon Sa'aa kennameefiira.

4. Qulqulluun Yohaannis Risaadhaan fakkeeffama.

Iji Risaa cimaadha. Gara oliittis, gara gadiittis yeroo ilaalu wanti kamiyyuu jalaa hin dhokatu ni arga, Qulqulluun Yohaannisis iccitiin ibsameefii, Qulqullummaan Lubbuu, Qulqullummaan Foonii, fi Qulqullummaan yaadaa kennameefii «Jalqaba irratti jechatu ture, jechis Waaqayyo bira ture. » Yoh. 1:4. Jedhee barreesseera.

Naannoo Aksuum bara Mootota Abirihaa fi Atsibihaa  Manni Kiristaanaa Bineensota kana Arfanii ijaaramee ture. Bara ykn yeroo Yoodiititti diigameera. Bara Mootota Gondar Manneen Kiristaanaa ijaaraman keessaa tokko Mana Kiristaanaa Bineensota arfaniiti. Jaarraa 13ffaa keessa ammoo Baha Itoophiyaa Kutaa biyya Harargee Manni Kiristaanaa "Dabra Kiruub" jedhamu ijaaramee ture. Kunis yeroo duriitii kaasee Bineensota Arfaniif Mana Kiristaanaa ijaaruun bartee akka ta'e ragaa seenaa agarsiisudha.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)