Subscribe To Our YouTube Channel

Daandii Abbootii | Kutaa 2ffaa

Daandii Abbootii Kutaa Lammaffaa



1.3.3 Daawwit Mootii jalqabaa

Daawwit Israa'elitti Mootota mo'an hunda caalaa hojii guddaa kan hojjatee fi deemsa isaa hundas Waaqayyo waliin Mootii taasise yoo ta'u, barri Mootummaa isaas Dh.K.D bara 1011-970 tti kan ture dha, Umurii isaa ijoollummaatti hoolota abbaa isaa eega ture. 1 Saam. 16:11. Daawwit jechuun 'filatamaa' jechuudha. Faar. 88:9. Waaqayyos Saamu'eel ijoollee Iseey keessaa tokko akka mootii taasisee muudu yeroo isa ergu gara Beeteeliheem deemee Iseeyiin ijoollee kee keessaa mootii taasisuufani waan ta'eef as fidi jedheen, Iseeyis Mootummaa dhaaf kan ta'u kanadha jedhee ilma isaa hangafaa Eliyaab itti dhiyeesse innis Waaqayyoon akka hin filatamne itti hime. 1. Saam. 16:6. Kan itti aanu itti dhiyeesse kunis hin filatamne jedheen, bifuma kana isaan dhiyeessaa dhufee dhalootaan 8ffaa, dhufaatiin 7ffaa kan ta'e Daawwit ni dhiyeesseef Daawwitis obboloota isaa gidduutti dibamee mootii ta'eera. 1 Saam. 16:1-13.

1.3.4 Kennaa (Dandeettiiwwan) Daawwit torban

1. Kennaa Mootummaa :- Isa balleesse adabuu, isa miidhame kaasuu (beenyaa kennuu)

2. Kennaa Lubummaa :- Uummataaf kadhachuu, aarsaa dhiyeessuu. 1. Seenaa Baraa 15:17

3. Kennaa Humnaa :- Leencaa fi Qeerransa injifachuu. 1 Saam. 17:34

4. Kennaa Mawwii (Habte Mewie ) :- Dirree waraanaatti diina injifachuun qaanessanii deebisuu. 1 Saam. 18:27

5. Kennaa Baganaa :- Baganaa rukutuun Waaqayyo galateeffachuu.

6. Kennaa Raagaa (Raajii dubbachuu) :- Wanta gara fuulduraatti raawwatu raajiin dubbachuu ykn raaguu.

7. Kennaa Fayyisuu :- Baganaa rukutuun dhukkubsattoota fayyisuu. 1 Saam. 16:23.

Fedha Waaqayyoon, Kabaja Waaqayyoof kan muudame Mootichi Daawwit magaalaa guddittii akka taatuuf kan filate Iyyerusaalemidha. Akka Mootota Israa'eel kanneen biroo Xaa'otii ykn Waaqolii tolfamoo hin waaqessine ture.

Kanaafis hojii isaa hundatti kan jaalatame waan ta'eef Waaqayyo akka laphee koo kan ta'e Ilma Iseey kan ta'e Daawwitin argadhe jedhee dubbateefiira. Kiristoos Iyyesuus ilma Daawwit jedhameera. Daawwit mootota Israa'eloota rakkisaa turan hunda injifatee biyyattii kabachiiseera. 2 Saam. 5:18-25. Kanaafuu biyya Waaqayyoo mootii dhabdee turteef yeroo jalqabaaf mootii qajeelaa fi raajii ta'uu isaatiin dursaa Mootii Israa'eel jedhameera.

Ilma Daawwit Solomoon booda mootonni turan Israa'eel iddoo lamatti qoodanii bulchu turan. Kunis seenaa waggaa 400 ti. Solomoon qomoowwan Israa'eel kudha lamaan bitaa tureera, bara ilma isaa Robi'aam garuu Mootummaan isaa iddoo lamatti qoodamee;

Qomoon kurnan Solomooniif diina ta'uun, Iyyorbi'aamii waliin ta'uun Israa'eel jedhaman, isaan kun Mana Daawwit dhiisanii kan deeman waan ta'aniif Magaalaa isaaniis Samaariyaa taasifatan.

Qomoowwan lamaan Yihudaa fi Biniyaam garuu Mana Mootummaa Daawwitii fi Mana Qulqullummaa qofa qabatanii Iyyeruusaaleemitti hafuun Roobi'aamiif ta'uuf maqaa isaanii Yihudaa jedhan. 1 Mot. 11:28-33.

Iyyorbi'aam Mootummaan isaa akka jalaa hin diigamne, uummannis sababa Waaqeffannaatiin akka gara Mana Daawwit gara Robi'aamitti jalaa hin deemne dabaan Xaa'ootii Warqee lama irra hojjetee biyyoota lama Daan fi Beeteelitti dhaabee waaqeffachiisuu jalqabe. 1. Moot. 12:25-33.

Qoqqoodamuun Iyyerusaaleem diinaaf mijataa waan ta'eef kabajame kan ture Magaalaa Daawwit Gibtsoonni fi Filisxeemonni yeroo garaa garaatti seenuun saamaniiru. Warreen Asoor, Baabiloon fi mootonni Ahizaabotaa kanneen biroos magaalota isaanii diiganii, uummata isaaniis booji'aniiru. 2 Mot. 24:1 dhumarratti Naabukadanatsoor bara 587 Dh.K.D ni diige. 2 Mot. 25:1 waggaa 70'f Magaalittiin diigamtee abbaa malee turteerti.

Sana boodas Qisoon kan jedhamu Mootiin Faars Yihudonni magaalaa isaanii akka ijaaran eyyamee Magaalittiin irra deebiin ijaaramteerti. Zarubaabel fa'as Mana Qulqullummaa itti ijaaraniiru, Nahimiyaanis bara 445 Dh.K.D dallicha ijaareera, dabalataanis harka Asoorotaa, Roomaawwanii, harka warra Faarsitti kufuun rakkoo guddaan irra gaheera. Boodarras ajaja Mootii Roomaatiin Heeroodis qabatee akka bulchu eyyamameefii bulcheera garuu Heeroods qomoo Yihudotaa irraa kan hin argamnee fi eyyama uummataa malee ajaja mootii Roomaatiin kan muudame Edomaawwii waan ta'eef uummanni isa hin simanne ture. Ta'us garuu jaalatames jibbames bara 47 Dh.K.D kaasee hanga bara 79 Dh.K.B tti wal harkaa fuudhaa Heerodsonni hedduun bulchaniiru.

1.4 Bara Lubootaa 

Luba jechuun 'Tajaajilaa' jechuudha. Zarubaabeelii hanga Kiristoositti barri jiru bara Lubootaa jedhamee waamama.

Israa'elotaaf Iyyoo'aaqeemitti aanee teessoo abbaa isaarra kan taa'e Yo'aakiin (Ikooniyaan) kan mootii ta'e ji'oota sadiif qofaa dha. Bara 597 Dh.K.D Israa'eel harka Baabiloonotaatti kuftee osoo jirtuu Mooticha booji'anii, ija isaa baasanii ummata, Israa'eel keessa gara 10,000 tti kan siqan booji'anii gara Baabiloonitti geessanii ykn fudhatanii ture. 2 Mot. 24:8, kanaanis Israa'eel lafa onaa taateerti.

Kanaan osoo hin gahiin Israa'eloonni waggoota 37'f gara Baabiloonitti geeffamanii dhumarras gara biyya isaaniitti deebi'aniiru. Garuu achi osoo jiranii Amantaa ni eegu turan, Namoonni Waaqayyoof dhihoo ta'an kanneen akka Daani'eel fa'an isaan waliin Baabiloon turan. Bara godaansaa kanaa booda booji'amuu dhaa yeroo deebi'an Zarubaabeelis booji'amiinsaa deebi'ee ture. Booji'amuu waggaa 70 boodas Zaruubaabeel dursaa ta'ee Mana Qulqullummaa Iyyerusaaleem ijaarsiseera. Zarubaabeel Luba ta'ee tajaajila ture. Kana waan ta'eefis deebi'uu Israa'eelii jalqabee hanga dhufaatii Kiristoositti barri jiru bara Lubootaa jedhameera.

Gooftaanis ati Luba bara baraa akka muudama Malkatsadeq jedhameera. Kana jechuun garuu Zarubaabeel dura Luboonni hin turre jechuu miti. Bara Abbootiitti kanneen akka Musee, Aroon, Malkatsedeq fa'a Luboota turan. Garuu barri isaanii bara Abbootii jedhama. Bara Abbootii kanatti Museen mana Fari'oonii ba'ee gara gammoojjiitti yeroo godaanetti fuudhaaf kan filate intala Luba Yotoor ykn Raagu'eel dha, Lubni kunis Itoophiyaa akka ta'e baay'eewwan irratti walii galu. Kunis Itoophiyaan bara Kakuu Moofaatti Luboota akka qabdu kan agarsiisu dha.

Kanatti dabalataanis Itoophiyaan Qomoo Kaam ta'uu isheetiin Aangoo Lubummaa sanyii Kaam kan ta'e karaa Malkatsedeqiin dursitee fudhatteerti, Aarsaa Oritiis dhiyeessaa jiraachuun ishee beekamaadha. Kan biraa Kiristoos booda Lubummaan ni ture, Hangafa Luboota Iyyesuus Kiristoosiin kan kenname Aangoo Lubummaa Kakuu Haaraa jalqabummaa Abuna Salamaatiin fudhattee uummata ishee ni bulchiti Itoophiyaan. Kanas ta'e garuu Bara Lubootaa kan jedhamu akkuma dursinee ibsine, ilaalle Zarubaabeelii hanga Kiristoositti kan jiru dha.

Boqonnaa 2

Raajota

Raajii jechuun ykn «Nebiy» jechuun jechi isaa Afaan Gi'izii irraa kan dhufe yoo ta'u hiikni isaas 'raage, raaje, muldhata' jechuudha. 1 Saam. 9:9. Raajonnni Waaqayyo irraa ergaa jechaanis ta'e muldhataan kan isaanitti himame ykn kan isaan bira gahe  gara gurra uummataatti ni dabarsu ykn ni dhageessisu ture. Seera Lakkoofsaa. 12:6. Fakkeenyaaf Musee, Iyyaasuu, Daawwit, Eliyaas, Saamu'eel, Naataan, Elsaa'i, fi k.k.f. Raajonni kunneen Raajii ni dubbatu, Mootii dibanii ni muudu, akkasumas uummataaf akka mootiitti ta'aanii dursaniiru ykn tajaajilaniiru. Daawwitiifis kennaawwan torba kennamaniif keessaa tokko kennaa raajummaati ture.

Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Addunyaa kana fayyisuuf dhufuu isaatiin dura, Raajonni waa'ee isaa ;samii samii irraa ni bu'a, ni dhalata jedhanii fakkeenyota garaa garaatiin fakkeessuun raajanii turan. Garuu boqonnaa kana jalatti raajota hunda osoo hin taane raajota muraasaa fi hangafoota ta'aan ni ilaalla. Isaan kana keessaas akka itti aanutti ilaalla.

1. Isaayyaas

→ Isaayyaas jechuun 'Fayyisummaa Waaqayyoo' jechuudha.

→ Raajii Dhaloota Kiristoos Dura Bara 740-688 tti turedha. Akkasumas Abbaan isaa Amoots jedhama.

→ Raajota Gurguddoo ykn hangafoota jedhaman arfan keessaa tokko yoo ta'u, raajii bara Mootii Akaazii fi Hisqiyaas turedha.

→ Mootichi Hizqiyaas yeroo dhukkubsateettii fi du'uuf yeroo dhiyaatetti umurii isaa irratti waggaan 15 akka dabalameef kan itti hime isadha.

→ Raajichi Isaayyaas waa'ee dhufaatii Kiristoos sirriitti barreessuu isaatiin, barreessitoonni Kakuu Haaraa Kitaaba Raajii isaa baay'inaan fayyadamanii barreessaniiru.

→ Raajii ta'ee ykn Raajummaadhaaf filatamuu isaatiin dura, hidhii isaa irratti Lamtsii qaba ture waan ta'eef, akkasumas Lamtsiin Kakuu Moofaatti mallattoo cubbuu ta'uu isaatiin Ergamaan Waaqayyoo isa fayyiseera.

→ Raajichi Isaayyaas tajaajila Mana Waaqayyootiin cinaatti gorsaa Mana Mootummaa ture.
→ Akka Mana Kiristaanaa keenyaatti hamma Raajicha Isaayyaas Raajiin Raajii dubbate hin jiru.

→ Raajichi Isaayyaas kan dhalate Dh.K.D waggaa 800 dura yoo ta'u, Raajummaadhaaf kan filatames umurii isaa dargagummaatti ture.

→Abbaa fi haati isaa Isaayyaas ykn Fayyisaa kan jedhaniin, Barumsa isaatiin, raaga isaatiin kennaa fayyisummaa waan qabuufi.

→ Waqtii inni raajiidhaaf filatametti Hangafni Lubootaa Azaariyaas, Mootichi ammoo Ooziyaan jedhamu ture. Wal dhabdee Hangafoota Lubootaa fi Mooticha gidduutti tureenis Mootichi ol aantummaa isaa agarsiisuuf osoo aangoo ykn kennaa Lubummaa hin qabaatiin Uluuf Tsinaa qabatee gara Mana Qulqullummaa seene.

→ Kana kan arge Raajichi Isaayyaas osoo dheekkamuun ykn gorsuun isarraa eegamuu ni callise. Waaqayyo garuu mooticha Ooziyaan Lamtsiidhaan rukute. Ooziyaanis Lamstiin yeroo fuula isaa rukutu, fuula isaa Shaashiidhaan hidhate ykn lamtsii fuula isaa Shaashiidhaan dhokfachuuf yeroo yaalu Lamtsichi Shaashicha gubbaatti ba'e. Akka Israa'eelootaatti namni Lamtsiin rukutame Mana Mootummaa keessa mitiitii Magaalaa keessayyuu hin jiraatu waan ta'eef magaalaadhaa alatti isa baasan. Bakka isaattis Iyyo'aattaam Mootii ta'ee muudameera ykn mo'eera.

→ Isaayyaas ammoo dandeettii Waaqayyo isaaf kenneen hin fayyadamne, hin dubbanne waan ta'eef Hidhii isaa irra Lamtsiin rukutame. Isas geessanii mana dukkanaatti itti cufan. Kennaan Raajummaa isaas harkaa fuudhame. Kennaan ykn qabeenyi Qulqullootaa inni guddaan gaabbiidha waan ta'eef, innis achi taa'ee osoo jiruu gaabbii ni gale, ni tsoome, ni kadhate Waaqayyos gaabbii isaa ni fudhateef. Sana booda bara Mootichi Ooziyaan du'etti Waaqayyo gooftaan teessoo isaa dheeraa irra taa'ee, Kiruubeel teessoo isaa baatanii, Suraafeel ykn Luboonni Digdami Arfan Samii «Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu! » jedhanii yeroo isa galateeffatan Isaayyaasitti ni muldhate. Isa. 6:1.

→ Abbootiinis kana yeroo hiikan «Inni ati sodaatte Ooziyaan kunoo du'e, ani garuu Mootummaan koo bara baraan kan jiraatudha» yeroo jedhuunidha jedhu. Yeroo sanattis Waaqayyo «Gara Saba kootti eenyun ergadha?» jedhe. Isaayyaasis «Gooftaa koo! Ani Hidhiin koo ni rakase malee» jedheen. Waaqayyos Suraafii ergeef, Ergamichis Qabduudhaan Mukukkula aarsaa keessaa qabee fidee Hidhii isaa irra kaa'eef yeroo kanattis Isaayyaas Lamtsii isaa irraa ni qulqullaa'e. Kennaan Raajummaa isaas ni deebi'eef. Kunis fakkeenya Fooniifii Dhiiga Gooftaati. Guyyaa kana booda garuu nama addaa, nama cimaa ta'e. Waaqayyo qofaa malee nama kan hin sodaanne Wattaadara Waaqayyoo amanamaa ta'e. Ooziyaan boodas mootota afur bara isaaniitti isaanitti dheekkame. Isaanis;

1. Iyyo'aattaam
2. Akaaz
3. Hizqiyaas
4. Minaasee dha.

→ Mootichi Hizqiyaas Mootii ta'ee waggaa kudha arfaffaa isaatti Mootiin Asoor Seenaakireem diinummaan irratti ka'e. Gara naannoo isaattis dhufee itti marsee isa sodaachise. Seenaakireemis waraanaan garmalee hamaa ture. Sana irrattiyyuu ammoo eeboo kan qabatan loltoota ciccimoo 185,000 ol qaba ture. Kanaanis Hizqiyaas akka isa hin dandeenye baree ergaa itti erge. Seenaakireem garuu kan Seexanni irra bule waan tureef kadhaa Hizqiyaas gara cinaatti dhiisee Waaqa Israa'eel fi maqaa isaa Qulqulluus morkuutti ka'e. Yeroo kanattis Mootichi Hizqiyaas maqaan Waaqayyoo yeroo salphatu dhaga'ee baay'ee gadde. Ergamtootas gara Raajicha Isaayyaasitti ergee, Mana Qulqullummaa seene. Waaqayyo fuuldurattis uffata isaa tarsaase. Waa'ee Iyyerusaaleemiifi waa'ee saba isaatiifis ni boo'e. Yeroo kanattis Waaqayyo karaa Raajicha Isaayyaasiin akkas jedhe «Garbicha koo Daawwitiif jedhee magaalaa kana nan fayyisa ykn nan oolcha». Halkan sanattis ergamaan ajaa'ibni Qulqulluun Mikaa'eel samii irraa bu'uun gara loltoota Seenaakireem deemuun Sayifii isaa Ibiddaatiin Loltootni Ahizaabotaa 185,000 ni harca'aan. 1 Moot. 18:13, 19:1.

→ Raajichi hangafni kun ykn Raajiin Isaayyaas raajiiwwan ajaa'ibaa hedduu dubbaateera. Kanneen keessaas; «Kunoo Durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi» Isa. 7:14. Yeroo sanatti kan turan gorsitoonni hamoo Mootichaas mooticha bira deeman «Yaa Mootii waggaa 1000 moo'i. Kan akka kee homtuu hin jiru, Raajiin raajichi dubbates siifidha. 'Durba' kan jedhamte Iyyerusaaleem yoo taatu ilma dhiiraa kam jedhame ammoo si'idha.» jedhaniin. Hiikoo sobaa ykn jal'aa kanas kan isaan dhageffate Mootichi Hizqiyaas isaan hin mormine. Sababa kanaanis Waaqayyo dheekkamee Raajicha Isaayyaas itti erge. Raajichis dhufee akkas jedheen «Ni duuta malee hin jiraattu waan ta'eef, mana kee ijaarradhu» jedheen. Hoggasumas Mootichi Hizqiyaas ni dhukkubsate, ni dhadhabe. Mootichis gara Waaqayyootti «Yaa Gooftaa koo! Akka arjummaa keetti si fuulduratti gaarummaan deddeebi'uu koo yaadadhuutii naaf dhiisi!» jedhee kadhate. Raajichi Isaayyasis hoggas Mootichuma bira osoo jiruu jechi Waaqayyoo gara isaatti dhufe. Waaqayyos Raajicha Isaayyaasiin «Kadhannaa kee dhaga'ee waa'ee Daawwitiif jedhee siif dhiiseera, bara jireenya kee irrattis waggaan 15 siif dabalameera» jedhiitii Mooticha Hizqiyaasitti himi jedheen. Raajichis gara mootichaatti deebi'ee itti himee «Hanga guyyaa sadiitti fayyitee Mana Qulqullummaatti ni deebita» jedheen.

→ Mootiin bara Raajicha Isaayyaasitti ture kan biraan Mootiin Minaasee inumaayyuu Xaa'otii dhaabe, ni sagadeefis, Raajichi Isaayyaasisi kan ilaalee hin callisne Addabaabaayiitti itti dheekkame. Kanaanis kan aaree fi kan mufate Mootichi Minaasee Raajicha Isaayyaas ni ajjeesise.

Guyyaan Yaadannoo Boqonnaa Raajicha Qulqulluu Isaayyaas Fulbaana 6 dha. Eebbi isaa nurra haa bulu.

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments