Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Maarqoos fi Wangeela Maarqoos

Wangeelaawwii Qulqulluu Maarqoos

Ibsa suuraa:- Qulqulluu Maarqoos Wangeelaawwii

Qulqulluun Maarqoos dhaloota isaatiin Ibraawwii yoo ta'u, maatiin isaa garuu jiraachaa kan turan Kaaba Afriikaa Siranikaa ykn Qareenaa kan jedhamte Lixa Liibiyaa hardhaatti magaalaa ho'ituu hundoofte keessatti ture. Ta'us garuu Gosoonni Zaalaa Kaaba Afriikaa ykn Gosoota Zaalaa kan ta'aan Barbaroonni yeroodhaa yerootti magaalittii irratti haleellaa taasisanii, qabeenya isaanii saamaa waan isaan rakkisaniif haati isaa Maariyaam fi Abbaan isaa Arsooxoobulus gara biyya dhaloota isaaniitti ykn gara biyya dhaloota isaanii Iyyerusaaleemitti deebi'uun mana ijaarratanii jiraachuu jalqaban.

Qulqulluun Maarqoos daa'imummaa isaa irraa eegalee ykn daa'ima ta'ee osoo jiruu Iyyerusaaleemitti jiraachuuf carroomuu isaatiin, bara sanatti kennamaa kan ture barumsa ykn barumsa bara sanatti kennamaa ture carraan argachuu ykn carraan barachuu isa qunnameera. Afaanota Laatinii, Giriikii fi Ibraayisxii sirriitti bareechee beeka ture. Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos daandiiwwan fi gandoota Yihudaa irra deddeebi'ee yeroo barsiisu Maarqoos reefuu daa'ima ture. Guyyaa Kamisaa Duuka Bu'ootaaf «Gara magaalaatti deemaa! mucaan hubboodhaan bishaan baate isin arga waan ta'eef isa duuka bu'aa!» jechuudhaan akka itti qopheessaniif Mana inni filate akka itti agarsiisuuf dargageessi inni isaan itti agarsiise Qulqulluu Maarqoos ta'uu isaa Beektonni Mana Kiristaanaa ni barsiisu. Marq. 14:13.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Qaraaniyootti yeroo imalutti Qulqulluun Maarqoos qaama isaa qullaa Naxalaadhaan uffisee isa Duuka bu'a ture. Ta'us garuu Ayihuudonni isa qabuuf yeroo yaadanitti uffata isaa gatee qullaa isaa baqate. Marq. 13:50 kunis yeroo sanatti reefu daa'ima akka ture agarsiisa.

Haati Maarqoos Maariyaam Baawufiliyaa jedhamtu. Mana ishee Kiristaanonni akka itti walitti qabamaniif dubartii kennitedha. Gooftaanis Qurbaana isaa Kakuu Haaraa jalqabaa kan isaaniif kenne ykn kan isaan qorrobsiise Mana haadha Maarqoos Maariyaam gamoo isa gubbaatti ture. Guyyaa Shantammaffaattis Afuurri Qulqulluu Duuka Bu'ootaaf kan bu'e Mana isheetti walitti qabamanii yeroo kadhatanidha. 

Barnaabaas Qulqulluu Maarqoosiif Eessuma isaati. Abbaan Qulqulluu Maarqoos Arsooxoobulus fi Barnaabaas haadhaan kan wal argan yoo ta'aan obboleewwanidha.
Obboleettii isaa ammoo Qulqulluun Pheexiroos waan fuudheef Qulqulluun Maarqoos Adaadaa isaa gaafachuuf yeroo deemu Qulqulluu Pheexiroos waliin wal baran. 

Duuka bu'oonni Addunyaa carraadhaan qoqqooddatanii yeroo ba'an Qulqulluu Maarqoos dhiyeessummaa Barnaabaasiin Qulqulluu Phaawuloos waliin deemsa isaa jalqabaatiin bara 46 tti Lallaba Wangeelaatiif bahee ture. Ta'us garuu Magaalaa Phinfiliyaatti haadha koon yaade waan jedheef (HDB. 13:13) Barnaabaas isa qabatee gara Iyyerusaaleemitti deebi'e. Sana booda kan jiraate Duuka bu'icha Qulqulluu Pheexiroos waliinidha. 


Qulqulluu Pheexiroos waliin karaa Isiyaa xiqqoo hanga Roomitti lallabaniiru. Dhuma irrattis bara 60 tti gara Kaaba Afriikaatti dhufe. Deeltaa laga Abbaayyaa irraan taasisee bara sanatti daldalaan, aadaa fi polotikaadhaan handhuura ykn bara sanatti handhuura daldalaa, siyaasaa fi aadaa kan taate Iskindiriyaa gahe. Iskindiriyaan magaalaa Waaqeffattoota Xaa'otii waan turteef Qulqulluun Maarqoos Wangeela akkamitti akka lallabuuf yaadaa, magaalittii keessa naanna'uu jalqabe. Dhuma irrattis garmalee naanna'aa ooluu isaa irraan kan ka'e kopheen inni keewwatee ture jalaa cite. Yeruma sana gara nama kophee hodhuu naannoo isaa ture Aniyaanoos jedhamutti imale. 

Aniyaanoos kophee Qulqulluu Maarqoos yeroo hodhu wanti ittiin hodhaa ture sun isa waraane. Yeroo kanattis «Is taa'oos» jedhee Afaan Yoonaawwiyaanotaatiin iyye. Hiikni isaas «Waaqa tokko» jechuudha.

Yeroo sana Qulqulluun Maarqoos itti siqee ofii «Waaqa amma maqaa dhoofte ni beektaa?» jedhee isa gaafate. Aniyaanoosis «Yeroo jedhan nan dhaga'a malee hin beeku» jechuudhaan deebiseef. Qulqulluun Maarqoosis harka isaa miidhamee ture raajii Waaqayyootiin isaaf fayyiseefi Missiraachoo Wangeelaas isaaf lallabuu jalqabe. Aniyaanoosis Maarqoos qabatee gara Mana isaatti deemuun maatii isaa akka barsiisuuf isa affeere. Manni Kiristaanaa ishee jalqabaa Gibtsiis Mana Aniyaanoositti hundeeffamte.

Qulqulluun Maarqoos Iskindiriyaatti erga barsiise booda gara biyya dhaloota isaa Siranikaa ykn Qareenaatti deemuun Wangeela lallabee Manneen Kiristaanaa hedduu ijaareera.

Naannoo bara 68 Dh.K.B Ayyaana Du'aa ka'umsaa kabajuuf Qulqulluu Maarqoos Kiristaanonni Iskindiriyaa waan isa waamaniif Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Baawukiliyaa keessatti Sirna Qiddaasee irra osoo jiruu Gibtsoonni warreen Waaqeffattoonni Xaa'otii irratti ka'aan. Waggaan sun Kiristaanota Gibtsiitti ykn Kiristaanota Gibtsii biratti guyyaan Ayyaana Du'aa ka'umsaa sun Ayyaana warra Waaqeffattoota Xaa'otii Gibtsii Seraapiyam waliin wal irra oole. Kanarraa kan ka'e Ayyaana Xaa'otii kabajuuf kan walitti qabaman Waaqeffattoonni Xaa'otii Mana Kiristaanaa cabsanii seenuun Qulqulluu Maarqoos qaban. Saragallaa ykn gaarii waliin walitti hidhuun guyyaa guutuu daandii irraa gara daandiitti ykn guyyaa guutuu daandii irra harkisaa oolan. Galgala gara mana  hidhaatti darbatame. 

Borumtaa isaas akkuma duraa Saragallaa waliin walitti hidhanii isa harkisaa erga oolan booda Ebla 30 guyyuma sanatti boqote. Foon isaas gubuuf muka walitti qabanii ibidda qabsiisuuf yeroo jedhan bokkaan cimaan itti roobe. Yeroo kanattis Ormoonni bokkicha baqatanii gara mana mana isaaniitti bittinna'aan. Kiristaanonni Iskindiriyaas foon isaa dhoksanii fudhachuun Mana Kiristaanaa Qulqulleettii Baawukiliyaatti boqochiisan. 

Bara 820 Dh.K.B. daldaltoonni Veenas lafee isaa hatanii fudhachuun Magaalaa isaanii Mana Kiristaanaa Saanmaarkootti ka'an.

Wangeela Qulqulluu Maarqoos

Wangeelaawwiwwaan keessaa Wangeela isa jalqabaa kan barreesse Qulqulluu Maarqoosidha. Durii kaasee Abbootiin Mana Kiristaanaa Qulqulluun Maarqoos kan barreesse Wangeela Qulqulluu Pheexiroos akka ta'e ni dubbatu. Abbootii Duuka Bu'ootaa keessaa tokko kan ta'e Paapiyaas (Bara 140 Dh.K B) akka ibsetti Qulqulluun Maarqoos jecha Qulqulluu Pheexiroos fudhachuun Wangeela isaa barreesseera. 

Wangeelli Qulqulluu Maarqoos Wangeeloota warreen kaan hunda caalaa Wangeela isa gabaabaadha. Wangeelli Maarqoos kun Boqonnaalee 16 fi Lakkoofsota 661 qabateera. Seenessa caala taateewwan wal duraa duubaan kaa'eera. Qulqulluun Maatewoos Wangeela isaa boqonnaa 8:14-15 kan kaa'e seenaa fayyuu Amaatii Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluun Maarqoos garuu seenaa kan Wangeela isaa boqonnaa jalqabaa lakk. 30 irratti barreesseera.

Qulqulluun Maarqoos Wangeela isaa kan barreesse Ahizaabotaaf ykn Ormootaaf sanuu Roomaanotaaf ta'uu isaatiin Wangeelota kaan (Wangeela Maatewoos, Wangeela Yohaannis) adda kan ta'e haala ibsaa fi haala barreeffamaa fayyadameera. Wangeelli kunis Afaan Roomaayisxiin barreeffame. Roomaanonni bara isaaniitti nuti cimoodha jedhanii of jaju waan turaniifii nu malee eenyutu jira? of jaja jedhu waan qabaniif, haalli barreeffama Wangeela sanaas isaanii olitti cimaan, humna qabeessi akka jiru ibsuufi. Qulqulluun Maarqoosis jalqabumaa yeroo Wangeela isaa jalqabu, aangoo Gooftaa Hafuurota hamoo irratti (Marq. 1:27), dhukkuba irratti (Marq. 1:34), aangoo barsiisuu isaa (Marq. 1:22) ibsuudhaan olaantummaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos agarsiiseera.

Akka aadaa Roomaanotaatti Mootiin tokko yeroo dhufu tajaajilaan isaa fardaan isa fuuldura dhufa. Innis dhufaatii Mootii labsaa darba. Bu'uura aadaa ykn bartee kanaatiinis Qulqulluun Maarqoos Wangeela isaa irratti Seenaa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa ni dursa ykn jalqaba irratti barreessa. 

Ergaan guddaan Barumsa Wangeelichaa Waaqummaa Iyyesuus Kiristoos, ilma amalummaa Waaqayyoo ta'uu isaa ibsuudha waan ta'eef yeroo jalqabu ergaa isaa dabarse kana (Marq. 1:1) goolaba Wangeela isaa irrattis ragaa ba'iinsa nama taayitaa Roomiin goolabeera. Marq. 15:39. Wangeela isaa keessattis 1:11, 9:7, 14:61, 12:6, 3:11, 5:7 irra deddeebi'ee ibseera.

Qulqulluun Maarqoos Wangeela kana kan barreesse warra Ahizaabotaaf ykn Ormootaaf ta'uu isaatiin jechoota Aramaayikii fi aadaa Ibrootaa beekuu waan hin dandeenyeef isaaniif hiikeera. Fknf;

• Boo'eeneergees - Ijoollee Qaqawweessaa (3:17)
• Xaabittaa Qumii - Daa'ima nana ka'i! (5:41)
• Qurbaan - Kennaa (7:11)
• Eeftaah - Baname (7:34)
• Elohee Elohee Laamaa Sabaqtaanii - Waaqa koo! Waaqa koo! maalif na dhiifte! (15:34)
• Gologootaa - Buqqee Mataa (15:22)
• Aadaa Ayihuudotaa fi maqaa iddoowwanii ibseefiira. Fknf;

• Ayyaana dhiqannaa (7:2-4)
• Faasikaa kan ittiin kabajan jalqabbii Ayyaana Maxinoo (jechuudhaan waa'ee ayyaanichaa sirriitti ibseera) 14:12.
• Yeroo dhiyettis jala bultii Sanbataa kan ta'e guyyaa qophiitu ture. Kan barreesse Ayihuudotaaf osoo ta'ee «Guyyaa Qopheessuu» kan jedhu qofti gahaa ture. Sababni isaas Guyyaan qophii jala bultii Sanbataatti ta'uu isaa ni beeku waan ta'eef. Diinaar garuu qarshii warra Roomaa waan tureef hin hiikne. (6:37)
• Saduqaanota - Du'aa ka'umsi hin jiru kan jedhan (12:18)
• Dubartittiinis Giriik, dhaloonni ishees Siroofiiniqaawwit turte (7:26)
• Yordaanoos -«laga» maqaa dabalataa jedhuun kaa'eera. Osoo Ayihuudota ta'aanii lagummaa isaa isaaniif ibsuun hin barbaachisu ture. (1:5)
• Dabra Zayit ykn Tulluu Ejersaatiin «Mana Qulqullummaa waliin walitti dhiyoo ykn fuullee» jedhee bakka isaa ibseera. (Roomaanonni waan hin beekneef)
•Beeta Faagee fi Biitaaniyaa - «Dabra Zayit qarqara gara jiranitti» jedhee ibsa kaa'eera. (11:1)
• Kara deemaan tokkos - Abbaa Eleksindiroos fi Rufoos (Rufoos nama Room turedha. Room. 16:13).

Qulqulluun Maarqoos Wangeela isaa keessatti hojii Gooftaa yeroo ibsu hojii isaa gadi of qabiinsaa waliin hojii isaa humnaa ykn hayil wal faana dhiyeessa. Sababni isaas Roomaanonni Waaqolii isaanii kan beekan humna isaaniitiin waan ta'eef, gadi qabanii akka isa hin ilaalleefi Gooftaa, uumaa ta'uu isaa akka hubataniifi. Fknf;

• Galaana irra (Bidiruudhaan) deeme - Raajiiwwan taasise (4:41, 6:48-54)
• Du'aaf dhiyaachaa - Raajiiwwan taasise (15:33)
• Ni beela'e - Balasii sana irratti raajii hojjete (11:12-20)

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)