Subscribe To Our YouTube Channel

Hiikoo Sirna Qiddaasee | Kutaa 3ffaa

Hiikoo Sirna Qiddaasee

Kutaa 3ffaa


• Hiika Sirna Qiddaasee
• Qoqqoodama Sirna Qiddaasee
• Sirna Qiddaasee eenyutu jalqabe?
• Qurbaanaa fi Qiddaasee jalqabaa irratti warra hirmaatan
• Kaayyoo guddaa Sirna Qiddaasee


Qophii dursaa Sirna Qiddaasee hirmaachuuf deemuu keenyaan dura taasifnu;

✓ Qophii Sammuu ykn yaadaa taasisnu
✓ Qophii Qulqullina Qaama keenyaa eeggachuun taasisna
✓ Qophii Sirna Uffannaa Afuurawaa Eeguuf taasisnu fi k.k.f  ilaalleerra irra deebi'uun dubbisaa!

Kutaa Sadaffaa hardhaa keessatti ammoo qabxiiwwan gurguddoon nuti ilaallu;

Sirna Qiddaasee irratti of eeggannoowwan nuti taasisuu qabnu;

→ Ba'uu fi seenuu irratti
→ Sagalee dhageessisuu irratti
→ Meeshaalee Elektirooniksii qabatanii seenuu irratti
→ Kadhannaa dhuunfaa fi Sirna Qiddaasee fi k.k.f dha.


3. Sirna Qiddaasee irratti wantoota nuti of eeggachuun nurraa eegamu

3.1. Waa'ee ba'uufi seenuu kan ilaallate

♦ Sirni Qiddaasee sun erga jalqabe booda Mana Kiristaanaa keessa seenuunis ta'e, Mana Kiristaanaa keessaa bahanii deemuun hin eeyyamamu. Ta'us garuu Kadhannaan Qurbaanaa sun hanga raawwatamutti kan hin turre yoo dursanii of baasuun ykn hafuun nurraa eegama. Fitihaa Negest. 12:478. Kanas yeroo jedhamu rakkoon cimaafi sababa dhukkuba tasaa obsa nama dhabsiisu yoo akka rakkinichaatti suuta jechuudhaan namoota Sirna Qiddaasee hirmaatan kanneen biroo osoo hin jeeqiin of baasuun ni danda'aama. 

♦  Kadhannaan Qiddaasee erga jalqabame booda Diyaaqoniin «እትው በሰላም» ykn «Qoreen osoo isin hin waraaniin, gufuun osoo isin hin rukutiin nagaadhaan gara Mana keessaniitti galaa!» jedhee osoo hin gaggeessiin ba'aanii deemuun sirrii miti ykn nurraa hin eegamu. Fitihaa Negest. 12:92

3.2 Ancufaan sagalee dhageessisuun kan wal qabate

Sirna Qiddaasee keessa osoo jirruu ancufaan sagalee dhageessisuun dhorkamaadha. Fitihaa Negest. 12:476.
Dabalataanis kan qufaasisu, akkitaa kan fiduu danda'uu fi nama Sirna Qiddaasee sana hirmaatu kan biraa dhiibuu, haalli qufa'uu ykn miirri dhukkubbii fi qufaasisuu yoo jiraate yoo danda'aame qophaatti ba'aanii Sirna Qiddaasee sana hirmaachuun (Asqaddasuun) kan itti danda'aamu bakki yoo jiraate kophaatti ba'uu, yookaan ammoo dhukkubichi dursee kan isa qabe ykn kan isa irratti muldhate yoo ta'e ammoo Mana Kiristaanaa keessa osoo seenuu baatee ykn osoo seenuu baatanii ni filatama. Haala akkasii irra osoo jirruu nan qulqulla'a, eebban argadha jedhanii yaaduun dirqama Mana Kiristaanaa seennee Sirna Qiddaasee hirmaannu malee jennee yoo xiiqii qabanne sirrii miti ykn xiiqii qabachuun nurraa hin eegamu. Boruu fi boruun booda dhukkubichi yoo nutti fure ykn dhukkubicha irraa yoo dandamanne yeroo itti hirmaannudha waan ta'eef. Sababni isaas namoota Sirna Qiddaasee irratti hirmaatan kanneen birootiif qorumsa ykn gufuu akka itti hin taaneefidha. «Anattis kan amanan isaan xixiqqoo kana keessaa tokkoon isaa kan qoru hundi ykn tokkoon isaatti kan gufuu ta'u hundi dhagaan baaburaa morma isaatti hidhamee gara galaana gadi fagootti dhidhimuu isaaf wayya ture.» Maat. 18:6 jedhameera waan ta'eef.

3.3. Waa'ee Kadhannaa dhuunfaa

Mana Kiristaanaa keessatti Kadhannaan Qurbaanaa erga jalqabame booda Kitaaba bananiis ta'e, Sagaleedhaan ykn sammuudhaan Kadhannaa dhuunfaa taasisuun dhorkamaadha. Kunis Kadhannaa kadhatamu irra, Aarsaa Aarsamu irra Kadhannaan koo fooyya'aadha ykn Kadhannaa koo wayya jedhanii akka yaaduuti. Namni akkasii yoo jiraate nama ifa Aduutti Shaamaa ibsee bahe fakkaata.

Ta'us garuu bu'uura Kadhannaa Abbootii irraa dhaalamee ykn barameetiin Kadhannaan dursame jalqabamee hin xumuramne yoo jiraate sirnichi dhumuudhaaf yeroo ka'u namoonni Qorroban osoo qorrobaa jiranii callisaan osoo sagalee hin dhageessisiin kadhachuun ni danda'aama. Kunis «ሥርዋጽ» dha, kana jechuunis kan jallate kan ittiin qajeelchinu, kan hir'ate kan ittiin guutamu ilaalcha ykn yaada Barsiisotaa jechuudha.

3.4 Wanta hamaa dubbachuu dhiisuu

Dubbiin hamaan namoota hamoof ibsituu isaaniiti. Namni hamaan laphee isaa waan hamaa ittiin yaadu keessaa waan hamaa baasee dubbata jedheera waan ta'eef Gooftaan (Maat. 12:35). Amala badaa kanas soroorsuuf ykn sirreessuuf akkuma Qulqulluu Daawwit «Maaloo Afaan kootiif eegaa naaf kaa'i!» Faaruu 140:3 jechaa kadhachuun barbaachisaadha.

Keessattuu Sirna Kadhannaa Qiddaasee irra osoo jiranii wanta hamaa dubbachuun, kolfuun dhorkamaadha. Kan kolfe yoo jiraate Luba yoo ta'e Subaa'ee tokko (Guyyaa 7) Qannoonaadhaan Tsoomiidhaan, Kadhannaadhaan Sagadaan ni adabama. Amantoota keessaa ykn namoota Sirna Qiddaasee sana hirmaatan keessaa yoo ta'u garuu kan kolfe hoggasuma Sirna Qiddaasee keessaa haa ba'u ykn hoggasuma Sirna Qiddaasee sana keessaa foo'amee haa bu'u, guyyaa sanatti Fooniifi dhiiga Gooftaa hin fudhatu. (Fitihaa Negest. 12, Dasq. 12, Niqiyaa 61:72). Sirna Qiddaasee sana irra osoo jirruu iddoo Qulqullummaa isaa ykn iddoo Fannoo isaa dhaabbachuu keenya irraanfannee wanta hin taane yoo dubbanne, guyyaa gaafa jimaataatti gooftaan keenya yeroo fannifame Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos waliin carraa fannifamuu argatee waa'ee Cubbuu isaatiif araara kadhachuu dhiisee Gooftaa keenyatti kan qoose nama ykn Shiftaa karaa harka bitaa Gooftaa keenyaatti  fannifame fi mataa isaanii raasaa isa arrabsaa kan turan Mana Ayihuudiin akka wal nu hin fakkeessine of eeggaannoo taasisuu qabna. (Maat. 26:39-49)

«Akkaataa qabiinsaa irraa ni tarsa'a, akkaataa dubbii irraa ni murta'a» akkuma jedhamu namni hunduu haala ykn akkaataa dubbii isaa irraa kan ka'e ni kabajama, akkaataa dubbii isaa irraa kan ka'es itti murteeffama. Maat. 12:37.

3.5. Wanta Bilchaataa nyaataa fi dhugaatii qabatanii seenuun dhorkamaadha

Yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti nyaata ykn dhugaatii bilchaataa ykn nyaata ykn dhugaatii gosa kamiiyyuu qabatanii seenuun dhorkaadha ykn hin eeyyamamu. Namoonni tokko tokko eessa akka baran beekamuu baatuyyuu Qurbaana booda Afaan kaawwanna jechuudhaan nyaata qabatanii ni seenu. Kuni garuu sirrii miti. Fitihaa Negest. 13:497. Qulqulluu Qurbaana erga fudhataniin booda Tsabala Qiddaasee ykn Qiddaasee Tsabaliin ala Mana Kiristaanaa keessatti «Zaattii» nyaachuun ykn qammasuun sirrii miti.

3.6. Xiiqii qabatanii Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuun sirrii miti

«Qufaan nama qabee Hirqiffannaan, Xiiqii qabatanii Kadhannaan hin jiru» akkuma abbootiin jedhan namaaf dhiisuu fi araara osoo mindaa hin taasisiin araaraa fi dhiifama gaafachuun sirrii miti.

Keessattuu yeroo Qiddaaseetti namni nuti ittin wallolle ykn nuun wallole yoo jiraate naaf dhiisi jechuunii qabna. Kanaafidha «Lubichi jalqaba Qiddaasee irratti obboloota isaa irra naanna'ee naaf dhiisaa! haa jedhu, sana boodas gara uummataatti naanna'ee naaf dhiisaa! haa jedhu!» jedhamee Sirna Qiddaasee irratti kan ajajameef.

Gooftaanis akkas jedhee nu gorseera «Egaa kennaa kee Aarsaa biratti yoo dhiyeessite, obboleessi kee sirratti xiiqii ykn komii yoo qabaate ykn akka xiiqii sirratti qabate yoo yaadde Aarsaa duratti kennaa kee dhiisiitii dursitee deemiitii obboleessa kee waliin araarami! sana boodas koottuutii kennaa kee dhiyeessi!» Maat. 5:24. Kadhannaan nama Xiiqii qabatee akka Midhaan ykn makara qoree gidduu bu'eeti. Midhaan ykn makarri qoree gidduu bu'e jalaas hin gabbatu gubbaadhaas hin buufatu. Jalaa osoo hin gabbatiin yoo gubbaadhaa buufate firii isaa itti siqanii akkuma Simbirroonni guurratan namni Xiiqii qabates Xiiqii isaa osoo hin dhiisiin yoo kadhate Xiiqii isaatti siqee Diyaabiloos firii Kadhannaa isaa guuree jalaa hambisa waan ta'eef. 

3.7. Sararoota Ergaa ittiin fudhannu 
Qabachuun sirrii miti

Sirni Qiddaasee jalqabuu isaatiin dursee gara Mana Kiristaanaatti yeroo seennu sarara bilbilaa keenya balleessuufi cufuu dagachuu hin qabnu. Sarara kamiiniyyuu waamicha Telefoonaa qabachuun ykn ergaa dabarsuun hin eeyyamamu. «Gooftota lamaaf bitamuun kan isaaf danda'aamu eenyuyyuu hin jiru» Maat. 6:29.

3.8. Waa'ee Haguuggii buufachuu

Lubootas yoo ta'aan yeroo Kadhannaa Qiddaaseetti maraa isaanii baasuu, goonfoo isaaniis buusuun isaanirraa eegama. Wangeelli yeroo dubbifamu, Kidaaniin yeroo geessifamu Goonfoo isaanii buusuu yoo hin dandeenyeyyuu Wangeelli yeroo dubbifamu kana raawwachuun jira. Wangeelli yeroo dubbifamu kaawwachuun danda'aamuu baatuyyuu yeroo Wangeela dhungatanitti of ibsuun dirqamadha. Qulqulloonni Ergamoonni teessoo isaa fuulduratti Goonfoo isaanii buusanii fakkeenya isaan itti galateeffataniitiin Luboonni keenyas gara Maqdasiitti yeroo seenan marata ykn Ximximii isaanii ni buufatu. Dhiironni garuu Qulqulleettii Mana Kiristaanaatti ykn Mana Kiristaanaatti of haguuganii ykn fuula ykn mataa isaanii haguuggatanii akka kadhatan gonkumayyuu hin eyyamamneef. Karaa biraatiin ammoo Haadholiin fi obboloonni keenya Shamarrannii garuu of haguuganii akka kadhatan ajajamaniiru.

3.9. Wal dhageeffachuu

Kadhannaa Qiddaasee irratti wal dhageeffachuun gaariidha. Ta'us garuu darbee darbee Sirna Kadhannaa Qurbaanaa irratti wal dhageeffachuu dhiisuu fi ariifachuun akkasumas callisni garmalee ni muldhata ykn ni mudata, kuni hundi sirrii miti.

Obombolleettiin balaqqeen Bakakkaa kan itti walitti hin makamne bokkaan araaraa gadi bu'ee marga irratti akkuma walii galu callisaa fi wal dhageeffachuun yoo ta'e bayeessaa fi jaallatamaadha. Ba'uu 32:2. Mana Kiristaanaatti Sirna Qiddaasee irratti hirmaachuuf kan walitti qabaman amantoonni ykn Kiristaanonni hundi waa'ee Waaqayyoo ykn Barumsa Wangeelaa, Kadhannaa kadhatamus dhageeffachuu waliin callisaan dhaabbatanii kennaa fudhachuun ala walitti haasa'uun, kolfuun sirrii ta'uu dhiisuu isaa beeku ykn yaaduu.

Hanga danda'aametti fakkaatanii dhaabbachuu irraa fagaachuun barbaachisaadha. Kadhannaa keenyaan namni nuuf haa ilaalu, namni nuuf haa dhaga'u jedhanii garmalee iyyanii dubbachuudhaan kan dhadhaban Gooftaan akka isaan hin deeggarre hirraanfachuu hin qabnu, kanaafuu «Yeroo kadhattan baay'istanii hin iyyiinaa!» Maat. 6:7,  obbooloonni akka hin dogoggorre fi akka hin irraanfanne akkasumas Waaqayyo galateeffachuu dhiisanii sagalee keenya qofa dhageeffachaa fi ajaa'ibsiifachaa akka hin irraanfanne «Sagaleen Afaan keessanii bahe kan daanga'e haa ta'u malee garmalee kan baay'ate akka hin taane, obboloonni akka hin hin irraanfanneef» Abbootiin 318 kana hubatanii «Mana Kiristaanaa keessatti Wuddaasee kantuudhaaf hin galateeffatiinaa, hubachuudhaan galateeffadhaa malee Wuddaasee kantuudhaaf hin saaxilamiinaa!» jedhaniiru.

Kanaafuu kennaa fudhachuuf ariifachuu ykn gara duubaatti harkifachuu hin qabnu. Akkasumas ni bareechina jedhanii dhiphachuun hin barbaachisu. Hunduu akka qabeenya isaatti, haalaan wal dhageeffachuu fi callisaan obboleessa isaa isa bira jiru miira isaa eeguudhaan tokko haa ta'an malee.

3.10. Wuddaasee Kantuu irraa fagaachuu

Kadhannaa Sirna Qiddaasee irratti Wuddaasee kantuun sirrii miti. Bu'uura isaa irraa yoo ilaallu maddi Wuddaasee Kantuu warra dhugaa ykn sirrii osoo hin ta'iin qajeeltota dhugaa ykn sirrii fakkaatanii muldhachuu miira hawwuu irraa kan dhufu ykn kan maddi hawwii badaadha. Kana waan ta'eefis Sirna Qiddaasee irratti nama cimaadha, Asqaddashii gaariidha, kennaa isaa bareechee fudhata, hunda ni beeka akka jedhamnuuf laphee keenya keessatti baasnee buusnee akkasitti yaada ykn hawwii badaa kan nu yaadchisu ykn kan nu hawwisiisu irraa fagaachuu qabna. Kanaafuu kennaa yeroo fudhannu;

• Iyyi humnaa olii hin barbaachisu :- Irraanfachuu ykn dagachuu kan fiduun jecha dheeressuunis hin ta'iin akkuma jedhe Abbaa Hiriyaaqoos

• Sagalee koon bareecha, sagalee koo miidhagsa jedhanii baay'ee dhiphachuun hin barbaachisu.

• Nama Asqaddaashii nu bira jiru miira isaa eeguu ana irra isa wayya jedhanii yaaduun seeraan haa ta'u

• Kennaa isaa bareera waan ta'eef isa nan dursa ykn gara duubaatti hafuun qaba jechuun hin barbaachisu

• Inumaayyuu Wangeela irratti «Akka Ahizaabotaatti baay'istanii hin iyyiinaa!» Maat. 6:7 jedhee gooftaan keenya akkuma nu barsiisetti miira namoota Asqaddaashii obboleewwan keenya nu bira jiranii eeguu irratti nurra isaan wayya jechuun yaaduun barbaachisaadha.

Lubni Sirna Qiddaasee raawwatus (Qaddasus) Kiristaana kennaa fudhatu sana yeroo Qiddaaseetti waa'ee Gooftaa, waa'ee Fannoo isaa yaaduun Waaqayyo fuulduratti dhaabbachuu isaanii osoo hin irraanfatiin haa Qaddasan haa Galateeffatan malee Zeemaa ykn Yeedaloo isaa garmalee baay'isanii hin iyyiin!. 

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments