Subscribe To Our YouTube Channel

Tsooma Tsiggee | Kutaa 1ffaa

Tsoomii jechuun maal jechuudha?

Tsoomii gosoota meeqatu jiru?

Tsoomiiwwan fedhiidhaan Tsoomnu, Tsoomii Tsiggee


Hiikoo Tsoomii

Akka bu'uura sirna Mana Kiristaanaa keenya Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti, kitaabni Fitihaa Negest jecha Tsoomii jedhu akkasitti hiika,

- Tsoomiin sa'aatii beekamaatti namni nyaata irraa dhorkii dhorkamudha.

Tokkos Tsoomiin nama nyaata irraa dhorkuudha. Kunis cubbuu isaa irraa haqsiisuuf, gatii isaas baay'isuuf, inni jaallatee Seera kan hojjateef bitamuu jechuudha. Bu'uuruma kanaanis  Tsoomii jechuun nyaata irraa, akkasumas dhugaatii irraa of dhorkuu ykn dhorkamudha.

Tsoomiin Qabsuurota Afuurawaa keessaa isa tokkodha. Fedhii Fooniitiifis dhorkii ykn luugama Afuurawaati. Namni fedhii foonii dhiisaa galaa ittiin lubbuu isaa lalisiifatudha. Tsoomiin dhukkubbii ykn madaa lubbuu kan fayyistu, fedhii foonii kan dhadhabsiistu, jalqabbii hojiiwwan gaggaarii hundaa, kennaa Waaqayyoo irraa kan argamsiistu. Akkasumas Tsoomiin bu'ura kadhannaa, kabajaa, callisummaa kan nama barsiistu, hojiiwwan gaggaarii fi tola ooltummaa ta'aan maraaf kan nama kakaastu, qaama ofii Waaqayyo fuulduratti qaanessuun gadi ofqabiinsa mindaa taasifachuuf kan nama gargaartu qoricha lubbuuti. (Maar. Yisaaq. Keeyyata 4, Boqonnaa 6)

Gosoota Tsoomii

Kitaabolee Qulqullaa'oo irraa akka hubannutti Tsoomiin gosa lamatu jiru ykn iddoo lamatti qoodamuu danda'u, isaanis;

1. Tsoomii Labsii fi
2. Tsoomii Dhuunfaati.

1. Tsooma Labsii :- Tsoomni Labsii ifatti uummatatti himamee ykn labsamee tokkummaadhaan kan tsoomamu Tsoomii seeraa fi ajajaati. «Tsiyoonitti Malakatii Afuufaa! Tsoomiis labsaa, gubaa'ees qulqulleessaa!» Iyuel 1:12-14. Kakuu Moofaa keessattis ta'e Kakuu Haaraa keessatti Waqtiin isaanii, Ji'i isaanii, guyyaan isaanii akkasumas waggaa waggaadhaan guyyoonni irra oolan kan beekaman fi kan kabajaman Tsoomiiwwan Labsii ykn seeraa ni jiru turan, ammas ni jiru. Kakuu Moofaa keessatti «Waaqayyo gooftaan akkas jedha, Kan ji'a Arfaffaa, kan ji'a Shanaffaas, kan torbaffaas, Tsoomiin ji'a Kurnaffaas Mana Yihudaatiif Ayyaanota gammachuu ni ta'a.» Zak. 8:18-19

Kakuu Haaraa keessattis Fariisonni guyyoota torbanii keessaa guyyoota Tsoomaa akka turan (jechuunis Wiixataa fi Kamisa) «Ani torban keessatti guyyaa lama nan Tsooma» Luq. 18:12 kan jedhu ragaa ni arganna. Kitaaba Hojii Duuka Bu'ootaa irrattis Qulqulluun Luqaas, waa'ee deemsa Duuka Bu'icha Qulqulluu Phaawuloos yeroo barreessu «Yeroon hedduu erga darbe boodas Ji'oota Tsoomaa amma darbee waan tureef» jechuun jechi inni barreesse bara Duuka Bu'ootaatti yeroon ykn waqtiin Tsoomii daanga'aan akka ture nuuf ibsa. HDB.  27:9, 13:1-3.

Bu'uura Sirna Mana Kiristaanaa Duuka Bu'eettiitii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin hunduu akka isaan Tsoomuuf, jalqabaa fi dhumni isaanii herreegamee, yeroo fi waqtiin murtaa'eefii kan jiran Tsoomiiwwan labsii torbatu jiru, isaanis;

1. Tsooma Guddaa
2. Tsooma Duuka Bu'ootaa
3. Tsooma Fayyinaa
4. Tsooma Filsataa
5. Tsooma Raajotaa
6. Tsooma Nannawee fi
7. Tsooma Gaadii dha.

Akka isaan kanaatti waqtiiwwan murteeffamaniifii kan labsaman jiraataniyyuu, garuu jireenya bara baraa dhaaluuf kan nu gargaaran daandiiwwan qajeeloon, Balballi Jannataa walumaa galatti jireenya Kiristaanotaa waan ta'eef, Tsoomiiwwan Labsii tarreeffaman kanaan alatti waggaadhaa hanga waggaatti kan Tsooman Gadaamiitti, Gammoojjiitti kan argaman Abbootiin keenya Monoksoonnifi Baahitaawwiiwwan ni jiru. «Waa'ee qajeelummaaf kan beela'aan, kan dheebotanis eebbifamoodha! isaan ni quufu waan ta'eef.» Maat. 5:6, Isa. 41:17, 55:1

Abbootiin «Yoo dandeessan kana irra caalchisaatii Tsoomaa, warreen dhabaniifis kennaa!» jechuun akkuma ajajan, Tsoomiin baay'isuun hojii badaa irraa fagaachuuf, fedhii foonii dhadhabsiisuuf, lubbuu hojii afuurawaaf leenjisuufis ni fayyada. Abbaa Maqaars tsoomii baay'isuu isaa irraan kan ka'e Ergamaa fakkaata jechuun Abbootiin Mana Kiristaanaa ni ibsu.

Kunis gara gosa Tsoomii isa lammaffaatti ykn Tsooma dhuunfaatti nu geessa.

2. Tsooma Dhuunfaa :-Tsoomni dhuunfaa Waaqayyo humnaa fi jabina isaa kan isaaniif kenne amantoonni dhuunfaa isaaniitti ykn dhoksaatti kan Tsoomanidha. Namni tokko Waaqayyo Gooftaa irraa wanti inni barbaadu gaafa jiraatu, ofii isaa of bituuf akka danda'uuf, akkasumas gaabbii galee yeroo Abbaan gaabbii isaa isa ajaju dhuunfaa isaatti ni tsooma. Kunis sirna durii kaasee turedha. Fakkeenyaaf; hangafni Raajotaa Museen:- Ba'uu. 24:18, Raajichi Daani'eel :- Dan. 9:3, Nahiimiyaan :- Nah. 9:1-4 Kakuu Haaraa keessattis Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos caqasuun ni danda'aama HDB. 10:10, 2 Qor. 6:5. Tsoomni dhuunfaan tsooma labsii waliin tokko miti. Tsoomni dhuunfaa Tsooma Gaabbii fi Tsooma fedhii jedhamee iddoo lamatti qoodama.

Read Also:- Ayyaanota Yaadannoo Qulqullootaa


Tsoomiin Gaabbii Amantoonni Abbootii Gaabbii isaanii waliin mari'atanii, gaabbii galanii bu'uura keewwata Gaabbiitiin Qannoonaan yeroo kennamuuf Tsoomii tsoomanidha. Qannoonaa sanas kan raawwatan eenyuyyuu osoo isaan hin argiin dhoksaadhaan ta'a. Namoonni tokko tokko garuu Abbaa Gaabbii isaatiin namni ajajame ajaja seerawaa fudhatee waan Tsoomuuf ofii isaa dhoksuun isa hin barbaachisu jedhanis, namichi Tsoomu sun Tsoomuu isaa tarii maatiiwwan isatti dhiyootiin ala namni biraa irratti hin beeku, beeksisuus hin qabu, dhoksuudhaan xumurata malee. Qannoonaa Abbaa gaabbii isaatiin isaaf kenname hanga xumurutti, uumaan isaa cubbuu isaa duraa akka isaaf dhiisuuf, dhiifama akka argatuuf imimmaaniin ni kadhata. Dhiifama ni gaafata. Faaruu 6:1-10. Tsoomni dhuunfaa sababoota garaa garaatiin (fakkeenyaaf Da'umsaan, Dhukkubaan fi k.k.f) Tsoomii labsii Tsoomuu kan hin dandeenyeef bakka Tsoomiiwwan Labsii Abbootii gaabbiitiin ajaja kennamu ta'uu danda'a. Kanaafis Tsoomiin Gaabbii Tsoomii dandamannaa (የብይን ጾም) ni jedhama.

Tsoomiin Fedhii karaa biraatiin Tsoomii Qabsuuraa (የትሩፋት ጾም) jedhamuun ni beekama. Dhuunfaatti (Cufaatti) ykn Waldaadhaan Tsoomamuu ni danda'a. Waaqayyotti, ofkennuun kan tajaajilan amantoonni dhuunfaadhaan ykn Waldaadhaan, Abbootiin Gadaamii jiraatan tokkummaadhaan waa'ee fakkeenyotaa fi sababoota isaan hordofaniifis tsoomni fedhii ni tsoomama.

♦ Namoonni jireenya dhuunfaa isaanii fi maatii isaanii irratti rakkoon isaan mudate yoo jiraate akka isaanii furamuuf, ykn akka isaaniif hafuuf, biyya isaan keessa jiraataniifi Mana Kiristaanaa naannoo isaanii irra rakkoon jiru akka isaanirraa fagaatuuf,

Qulqulluun Daawwit «Lubbuu koo Tsoomiidhaan ....» akkuma jedhe ofii isaan bituuf akka isaan dandeessisuuf, lubbuu isaanii foon isaanii irratti leenjisuuf,

Xiqqeessanii yeroo kadhatan baay'isee kan kennu Waaqayyo iccitii akka isaaniif ibsuuf. Dan. 10:14.

Taateewwan Seenaa yaadachaa, Qabsuura Qulqullootaa yaadachaa Eebba isaanii argachuuf, eebba isaanii hirmaachuuf, cubbuu irraa qulqullaa'uuf fi k.k.f dha.

Tsoomii Fedhiitiif Qophii Dursaa

Dhoksaadhaan ykn of dhoksee Tsoomuuf namni yaade tokko qophiin dursaa inni taasisuu qabu jira. Qophii gahaa osoo hin taasisiin Tsoomii yoo jalqabe garuu osoo hin xumuriin giddutti adda kutee dhiisuu danda'a ykn wanta barbaade sana osoo hin argatiin ni hafa. Qophiin dursaa kunis karaa fi bifa hedduudhaani, isaan kanneen keessaas;

Read Also :- Tsooma Tsiggee Kutaa 2ffaa

Abbaa Gaabbii waliin mari'achuun ni barbaachisa. Fedhii Waaqayyootiin kan durfamu, namni ajajaa fi gorsa Lubaatiin jiraatuufi socho'u qorumsi yoo isa mudate, gidiraan yoo irra gahe akkamitti akka darbuu danda'u waan beekuuf hin jeeqamu, ni obsa malee. Kanaafuu dhuunfaa isaatti Tsoomii qabachuuf kan yaadu jalqaba Abbaa Gaabbii isaa waliin yoo dubbate ykn yoo mari'ate baay'ee bayeessadha. Abbaan isaa ykn Abbaan Gaabbii isaas yeroo Tsoomii isaatti akka isa yaadatanii fi akka isaaf kadhatan yoo taasisee qorumsicha dandamatee Tsoomicha xumuruu danda'a.

♦ Namni Tsoomu sun Abbaa Gaabbii isaatiif akkasumas, miseensota maatii isaa dirqama beekuu qabaniif yoo ta'een ala namoota arge hundaan Subaa'ee galuufani ykn Subaa'ee jalqabuufani waan ta'eef na hin dagatiinaa jedhee himuu fi Tsoomicha labsuu hin qabu. Wuddaasee Kantuu ykn Galatoo Kantuu itti fiduu danda'a waan ta'eef, nama hundatti yeroo himu kan isa dhaga'u diinni keenya Daabiloosis gufuu itti baay'isa, qormaata itti cimsa. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee kanaa yeroo dubbatu «..... yeroo Tsoomtu abbaa kee isa dhoksaan jiruufi malee, .......namootaaf akka hin muldhannetti mataa kee dibadhu, fuula kee dhiqadhu dhoksaadhaan kan ilaalu abbaan kee gatii kee ifatti siif kaffala» jedheera. Maat. 6:18. Kanaafuu namni dhuunfaa isaatti Tsoomu eenyuttiyyuu osoo hin himiin ykn eenyuttiyyuu osoo hin labsiin Tsoomuun isarraa eegama. Akaayii muraasa qofa ykn Bassoo xiqqoo qofa nyaachaa Tsoomuu isaa, baay'isee sagaduu fi kadhachuu isaa dubbachuun isarraa hin eegamu. Yoo dubbate garuu dhadhabbiin isaa hundi kantuu ta'ee arga. Lafa irratti galatoon kantuu namoota irraa argate, kennaa Waaqayyo irraa argate jalaa hambisa.

Fedhii isaatiin Subaa'ee qabachuu /Tsoomuu fi Kadhachuu/ namni barbaadu humna ykn dandeettii isaa kan beeku ta'uu qaba. Yeroo Tsoomichaa murteessuu kan qabu, cimina isaa ykn cimina inni qabu, bartee isaa fi dandeettii isaa xiinxalee ta'uu qaba. Kiristaanni jalqabaan ykn yeroo jalqabaaf Kiristaanni tsoomiitti seenu «Holqa keessa seenee, guyyaatti akaayii altokko qofa nyaachee, Faaruu Daawwit dubbisee, al dhibba tokkoofi shantama sagadeen Tsooma» yoo jedhe  humna isaatii ol ta'ee, humna dhabee, obsa dhabee adda kutuu danda'a. Kanaafuu akka humna isaatti Tsoomuu fi kadhachuu qaba ykn akka humna isaatti Tsoomuu fi kadhachuun isarraa eegama.

♦ Namni Tsoomu sun kaayyoo beekamaa qabaachuuf guyyoota Tsoomii dabarsutti Waaqayyo gooftaan isaa akka isaaf taasisuuf gaaffii gaafatu of eeggannoon beekuu fi qopheeffachuu qaba.

Monoksoonni fi Baahitaawwiiwwan hedduun akkasumas amantoonni muraasni fedhiidhaan kan Tsooman yeroowwan Tsoomii beekamoon jiru. Isaanis;

1. Tsoomii Tsiggee fi
2. Tsoomii Yoodiitidha.

Kutaa itti aanutti Tsoomiiwwan kanneen lamaan baldhinaan ni ilaalla! dubbisaa! dubbisaa! dubbisaa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Itti fufa!




Post a Comment

0 Comments