Subscribe To Our YouTube Channel

Duuka Bu'icha Qulqulluu Filiiphoos fi Duuka Bu'icha Qulqulluu Bartalamewoos

Duuka Bu'icha Qulqulluu Filiiphoos fi Qulqulluu Bartalamewoos

Duuka Bu'icha Qulqulluu Filiiphoos

Duuka bu'ichi Qulqulluun Filiiphoos biyyi isaa Beeta Sayidaa dha. Yoh. 1:44. Naatnaa'eel gara Gooftaatti kan dhiyeesse isadha. Yoh. 1:46. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos namoota kuma shan (5000) yeroo sooretti Duuka bu'ichi Qulqulluun Filiiphoos baay'ina namootaa ilaalee nyaata ykn Biddeen namoota kan hundaaf gahu hin qabnu jedhee ture. Yoh. 6:5-7. Giriikonni Gooftaa waliin wal arguu yeroo barbaadanitti Duuka Bu'icha Qulqulluu Indiriyaasitti kan himeef Qulqulluu Filiiphoos ture. Yoh. 20:21 «Yaa Gooftaa Abbaa qofa nutti agarsiisiitii nu gaha» jedhee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos gaafachuu isaatiin Iccitii Sillaasee barachuuf gaheera. Yoh. 14:8

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos erga ol ba'e booda Duuka Bu'ichi Qulqulluun Filiiphoos Firgiyaatti, Samaariyaatti fi Gaazaatti Wangeela Lallabeera. Barreessitoonni Seenaa hedduun ykn barreessitoota seenaa hedduu biratti Duuka Bu'ichi Qulqulluun Filiiphoos fi Diyaaqoniin Filiiphoos wal jalaa dhahu. Diyaaqoniin Filiiphoos Duuka Bu'oota waliin Waldaa Amantootaa ykn Kiristaanotaa (መኅበረ ምእመናን) osoo tajaajilanii ykn tajaajiluuf Diyaaqonoota filataman torban keessaa isa tokkodha. HDB. 21:8. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos gara Iyyerusaaleemitti deemsa yeroo taasisu kan isa keessumeesse Diyaaqon Filiiphoos ture. Dhuma jaarraa 2ffaa irra kan ture Pooliiqiraaxas inni Efeesoon akka barreessetti Duuka bu'ichi Qulqulluun Filiiphoos gara Isiyaa xiqqootti deemee magaalaa Heeraapoolisitti osoo barsiisuu harka mormitoota isaatiin fannifamee Wareegamummaan boqoteera. Awwaalli Duuka Bu'icha kanaas hanga hardhaatti magaalaa kanatti akka argamu ni himama.


Ibsa Suuraa :- Duuka Bu'icha Qulqulluu Filiiphoos (karaa harka Bitaatiin kan jiru) fi Duuka Bu'icha Qulqulluu Bartalamewoos (karaa harka Mirgaatiin kan jiru)

Duuka Bu'icha Qulqulluu Bartalamewoos

Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos Kakuu Haaraa ykn Kitaabolee Kakuu Haaraa keessatti maqaan isaa kan caqasame tarree maqaa Duuka Bu'ootaa qofaa irratti. Beektonni ykn Hayyoonni Mana Kiristaanaa warra Lixaa fi Hayyoonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa keenya yaada garaa garaa qabu. Dursinee akkuma ilaalle Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos Duuka bu'aa mataa isaa danda'e malee Duuka Bu'aa maqaan isaa biraa Naatnaa'eel ta'e miti waan ta'eef. 

Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos Kiristaanummaa kan lallabe Armaniyaa fi naannawaa isheetti ta'uu isaa fi dursee warra Armaniyaatiif Wangeela kan lallabee fi teessoo ishee kan hundeesse isa ta'uu isaa Armanoonni Seenaa isaanii keessatti ni dubbatu. Barreessaan Seenaa Mana Kiristaanaa Awusaabiyoos ammoo kara deemaan Paantans isa Iskindiriyaa jedhamu Hindii yeroo daawwatetti (Bara 150-200) Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos kan nuuf fidedha jedhanii Kiristaanonni Hindii Wangeela Maatewoos Afaan Ibraayisxii dhaan barreeffame akka isatti agarsiisan ibsuu isaa barreesseera.

Beektota ykn Abbootii biyya keenyaa ykn Abbootii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa birattis Duuka Bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos Itoophiyaa keessatti Lallabuu isaa fi lageen inni keessatti cuuphes hanga hardhaatti laga «Birat» ykn «ብረት» fi «Loomii» ykn «ሎሚ» ykn Bishaan «Birat» fi «Loomii» jedhamanii akka waamaman ni seeneffama.


Qabsuura Duuka Bu'ootaa irratti akkuma barreeffamee argamu Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos carraa ykn Ixaa Duuka Bu'ootaatiin biyyi isa gahe biyya «Alwaah» jedhamu ture. Qulqulluun Pheexiroosis Qulqulluu Bartalamewoos achiin gahuuf jedhee waliin gara Alwaahitti imalan. Lamaan isaaniiyyuu biyya sana hin beekan ture waan ta'eef deemsi isaanii gaaffiidhaan ture. Dhuma irrattis daldalaa tokko argatanii akka achiin isaan gahuuf gaafatan.

Daldalaan sunis eenyummaa isaanii yeroo gaafatu Kiristaanota Duuka Bu'oota Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ta'uu isaanii itti himan. Daldalaan sunis wanta daandii irratti dhaga'e yaadatee «Isin Duuka Bu'oonni namni kophaa isaa yoo jiraate malee hin fayyu jettu, akkasumas Abbaa manaa fi haadha manaa gargar baastu jedhama, dhugumadhaa?» jedhee isaan gaafate. «Ani karaa kamiiniyyuu gara biyya kootti isin hin geessu, haati manaa koo barumsa keessan yoo kan dhageessu ta'e na dhiistee deemti waan ta'eef» jedhee daldalaan sun isaan dhiisee deeme. 


Yeroo kanattis Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos fi Qulqulluun Bartalamewoos ni mari'atan. Daldalaan kan biraa yeroo dhufus Qulqulluun Pheexiroos «Garbicha koo kana biyya Alwaahitti gurguruuf barbaadeera, maaloo gara biyya keetti na geessi» jedhee isa gaafate. Daldalaan sunis «Yeroo dheeraadhaaf biyya kootii bahee kanan jiraadhu waan ta'eef tajaajilaa Mana kootiif nama ta'u dhabeen jiraadha ture, har'a nan argadhe, ofii ogummaan isaa maali? » jedhee isaan gaafate. Qulqulluun Pheexiroosis salphisee «Eegaa ykn Tiksee Wayiniiti» jedheen. Daldalaan sunis Wayinii garmalee hedduu qaba waan tureef Istaateerii 30'n Duuka Bu'icha Qulqulluu Bartalamewoos Qulqulluu Pheexiroos irraa bite. Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroosis qarshii sana daldalaa sana irraa erga fudhate booda «Adaraa! Gooftaa kan biraatti akka isa hin gurgurre, gidiraa akka itti hin baay'ifne» jedhee daldalaa sanatti dubbate.

Daldalaan sunis fe'isa ykn ba'aa Gaala isaa yeroo sirreessu Duuka bu'ichi Qulqulluun Pheexiroos qarshii sana dhoksee «Hiyyeessotaaf kenni!» jedhee Qulqulluu Bartalamewoosiif kennee gara Iyyerusaaleemitti deebi'e.

Daldalaan sun fi Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos gammoojjii keessa deemsa isaanii itti fufan. Alwaah akkuma gahaaniinis daldalaan sun Qulqulluu Bartalamewoos hangafa tiksoota Wayinii taasisee isa muude. Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoosis Wayinii sana eegaa fi kunuunsaa guyyoota afurtamaaf hojiidhaan qabamee taa'ee «Yaa Gooftaa koo! Wangeela kee osoon hin Lallabiin, ajaja kee osoon hin raawwatiin taa'ee hafuu kootii?» jedhee ni boo'a ture.

Gaaf tokko Abbaan qabeenyaa sun bakka Wayinii isaa ilaaluu yeroo dhufu Bofti boolla keessaa ba'ee isa hiddee Summiin isaa hamaa waan tureef qaama isa keessa faca'ee Du'aaf isa geessise. Maatii fi firoonni isaas boo'uuf walitti qabaman. Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos garuu gara Waaqayyootti kadhata ture. Namoonni mana sana keessa turanis «Namicha hamaa nana! Gooftaan kee yeroo du'u boo'uu dhiistee ija babaastee nu ilaaltaa!» jedhanii itti iyyan.


Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos garuu hanga Kadhannaa isaa xumurutti isaan obsee namicha Sooressa sana Maqaa Waaqayyoo itti waamee du'aa isa kaase. Namichi Sooressi sunis akka nama hirribaa ka'uutti ka'ee kanaan kan isa gahe Qulqulluu Bartalamewoos ta'uu ragaa bahe. Kanarraa kan ka'es namichi Sooressi sun, maatiin isaa fi akkasumas uummanni naannoo sanaa raajii ykn dinqii taasifameen baay'ee ajaa'ibsiifataman. Lallaba Qulqulluu Bartalamewoosiinis amananii ni Cuuphaman. Kanaan boodas Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos gara biyyoota Gismifee fi Giyeendoos jedhamaniitti deeme. Biyyoota kanattis niitiin Mootii biyya sanaa Niitiin Mootii Akriiphaa hanga deebituutti Kiristaanota hedduu horateera. Mootonni fi Abbootiin taayitaa naannoo sanaas jijjiiramuu uummataa, hafuu Xaa'otiiwwanii, uummannis isaan caalaa jecha Duuka Bu'icha Qulqulluu Bartalamewoosiif ajajamuu isaanii arganii inaaffaadhaan irratti ka'aan. Duuka bu'ichi Qulqulluun Bartalamewoos himatamees gara Mana Murtii Mootii Akriiphaatti dhiyaate, achittis murtiin du'aa irratti murteeffamee Fulbaana 1 qalqalloo Cirrachaan guutame keessa isa galchanii osoon lubbuun isaa jirtuu galaana keessatti isa darbatan. Achittis ni boqote. Borumtaa isaas Kiristaanonni Galaana keessaa isa baasanii isa awwaalaniiru. 


Qabsuura Duuka bu'icha Qulqulluu Bartalamewoos irratti biyyi Alwaah jedhame kun tarii biyya naannoo Armaniyaatti argamu ta'uu danda'a.

Eebbi fi Araarsummaan Abbootii keenya Qulqulloota Duuka Bu'ootaa nurra haa bulu!

Madda :- «ቤተ ክርስቲያንህን እወቅ» Waldaa Qulqullootaatiin
Galmee jechootaa Kitaaba Qulqulluu
Qabsuura Duuka Bu'ootaa

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

3 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)