Subscribe To Our YouTube Channel

Duuka Bu'icha Qulqulluu Toomaas «Manni Mootummaan kun kan kee miti! Toomaas Mooticha Goondoopaarasiif kan hojjeteef Mana Mootummaa isa Samii irraati»

Duuka Bu'ichi Qulqulluun Toomaas eenyudha?

Qulqulluu Toomaas

Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaas «Du'aa ka'umsi hin jiru!» jedhanii warreen amanan karaa warra Saduqaanotaa akka ture ni himama. Maat. 22:25. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos du'aa ka'uu isaa Duuka Bu'oonni kurnan yeroo itti himan «Mallaattoowwan Harka isaa irraa inni itti fannifamee ture yoon arge malee, quba ykn harka kootiinis cinaacha isaa waraaname yoo tuqe malee hin amanu» kan jedhes kanarraa kan ka'e ture. Yoh. 20:25.

Boodarra garuu gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Toomaas amantii isaatiin akka cimuuf dursee iddo kurnan isaanii jiranitti akkuma ibsamee ture, lammaffaa iddoo Toomaas jirutti mana cufamaa keessatti ibsamee wanti Toomaas jedhe hundi akka isaaf raawwatamuuf taasise. Toomaasis «Gooftaa koo! Waaqa koo!» jedhee amanee ragaa ba'eera.

Ibsa Suuraa :- Duuka Bu'icha Qulqulluu Toomaas

Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaas Duuka Bu'oota hunda irraa fagaatee Duuka Bu'aa gara Bahaatti deemedha.

Magaalaa Kiristaanotaa ishee Bahaa

Wangeela Yohaannis 12:20:22 irratti Giriikonni dhiyeessummaa ykn karaa Duuka Bu'icha Qulqulluu Indiriyaasiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin akka dubbatan ibsameera. Kitaabni Qulqulluun waa'ee eenyummaa Giriikota kanneenii ibsuu dhiisuyyuu Tiwuufiitii Mana Kiristaanaa keenyaatiin garuu Giriikonni kunneen bulchiinsa Room fi Peershiyaa gidduutti jiraachaa kan turan Abgaar Ukaamaa kan jedhamu Mootii Uur ykn Eddeessaa irraa kan ergaman turan. 

Abgaar jechuun Mootii «ጃንሆይ» akka jechuuti. Mootota Uuriif maqaa Mootummaa isaaniiti. Abgaaronni Uur ykn Eddeessaatti kan Mootii ta'an ykn kan moo'an Dhaloota Kiristoosiin dura bara 132 hanga bara 216 DH.K.B tti. Abgaar Ukaamaan dhukkuba cimaa irraa fayyuun rakkisaa ta'een qabamee rakkachaa osoo jiruu Daldaltoota Giriikii irraa waa'ee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dhaga'uu isaatiin xalayaa kanatti aansee jiru Gooftaa dhaaf erge ;

     «Ergame Abgaar Ukaamaa irraa fayyisaa isa dhugaa Iyyesuus Kiristoosiif, Iyyerusaaleemitti kan ibsamteef. Nagaan siif haa ta'u! Baala osoo hin kutiin waa'ee hojii fayyinaa ati taasistuufi waa'ee kee dhaga'eera. Akka natti himanitti yoo ta'e, warreen Ija jaamaa ni ibsita, kan miilli isaa dhukkubsate ykn naafa ni diriirsita, kana yeroon dhaga'u gara kootti dhuftee dhukkuba hamaa na rakkisaa jiru kanarraa akka na fayyistuuf sin kadhadha. Xalayaa kanas siif ergeera. Ayihuudonni sirratti akka ka'aan dhaga'eera, si ajjeesuufis ni barbaadu jedhan, hangamiyyuu magaalaan koo dhiphoo taatuyyuu bareedduudha, anaa fi si'iif ni geessi waan ta'eef gara kootti koottu!»


Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis Xalayaa kana ergamticha harkaa fuudhee erga dubbise booda akkas jedhee deebiseef ;

        «Yaa Abgaar! amma si ilaaluu hin danda'u! ta'us garuu ka'umsa koo booda Duuka Bu'oota koo keessaa tokko siin erga!»

Bu'uura Waadaa kanaatiinis ol ba'iinsa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos booda gooftaan keenya Qulqulluu Toomaas gara Uuritti erge. Qulqulluun Toomaasis Abbootii gargaartota 72'n keessaa tokko kan ta'e Duuka Bu'aa isaa Taadewoos ykn Adaay ergeef. Qulqulluun Taadewoosis Eddeessaa seenee Abgaar fayyisee biyya isaas ni eebbiseef. Abgaar irraas eegalee namoonni hedduun Kiristoositti amananii ni Cuuphaman. Manneen Kiristaanaa hedduus ijaaramanii, isheenis Isiyaa Bahaatti magaalaa Kiristaanotaa ishee jalqabaa ta'uun ishee Seenaadhaan ni himama.

Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaas Taadewoos gara Eddeessaatti erga erge booda jalqaba gara Parshiyaatti sana boodas gara Hindiitti deeme. Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaas Hindii kan gahe naannoo bara 46 tti dha.

Mana Mootummaa isa Samii

Hindii bulchiinsa Maalaabaar magaalaa Kataakshaasiilaa kan ture Mootichi Goondoopaaras waa'ee Mana Mootummaa Iyyerusaaleem turee dhaga'aa innis Mana Qulqullummaa akkasii bulchiinsa isaa keessatti ijaaruu ni barbaada waan tureef daldaltoonni gara biyyoota garaa garaatti hojiidhaaf yeroo deeman nama Ogummaa ijaarsaa qabu cimaa isaa akka isaaf fidan isaan ajaja ture. 

Ajaja Mootii kanaa warra dhaga'aan keessaa daldalaan inni tokko gara Parshiyaatti bu'e. Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaasis gara Hindiitti deemee Wangeela Lallabuuf daandii yeroo barbaadu daldalaa sana waliin wal argan. Daldalaan sunis Iyyerusaaleemii dhufuu Qulqulluu Toomaas yeroo dhaga'u Ogummaa mana ykn Mana Qulqullummaa ijaaruu akka qabu isa gaafate. Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaasis Iyyerusaaleem yeroo turetti Gamoo ijaaruudhaan jireenya isaa dursa waan tureef daldalichaaf ni deebise.

Daldalaan sunis haala kanaan garmalee gammadee Duuka Bu'icha Qulqulluu Toomaas gara Hindii Maalaabaaritti geesse. Mootichis Qulqulluu Toomaas yeroo argu ni gammade. Mootichi Kataakshaasiilaanis gara dirree magaalaa qarqaratti argamuutti Toomaas geessuudhaan dirree bosonaan guutame itti agarsiisaa iddoo Manni Mootummaa sun itti ijaaramu itti agarsiise. Qulqulluu Toomaasittis karoora Mana Mootummaa sun yeroo itti himu Mootichi Goondoopaaras hanga hojjatamee dhumee argutti ni ariifate. 

Yeroo muraasa booda Mootichi «Hojjetaa kan ittiin qacarru, dhagaa fi Ibna Baradiidhaaf, sibiilaa fi mukti kan ittiin bitamu» jechaa Qulqulluu Toomaasiif qarshii hedduu erguufii jalqabe.


Qulqulluun Toomaasis qarshii saba yeroo argatu kan deeme gara gabaatti osoo hin taane gara mandara Hiyyeessotaatti ture. Achittis warreen beela'aaniif nyaata, kanneen Uffata dhabaniif uffata, kanneen daandii irratti kufanii jiraniif ammoo Manneen garaa garaa bitee kennuu jalqabe. Dhukkubsattoota fayyisaa fi warreen rakkatan jajjabeessaa Wangeela Lallabu jalqabe.

Mootichi Goondoopaaras qarshii akkuma ergeen kan ijaarame Mana Mootummaa isaa osoo hin taane mana hiyyeessotaa fi warreen dhadhaboo ture. Mana ijaaruudhaaf Qarshiin inni ramadee fi yeroon isaa akkuma dhumeen Mana Mootummaa isaa daawwachuuf dhufe. Bosonichi hin ciramne ykn hin tuqamne, Manni Mootummaa ijaaramuu mitiitii dhagaan kufeyyuu hin jiru. Mootichis kara deemaa karaa sana darbaa ture tokko waamee «Toomaas eessa jira?» jedhee gaafate.

«Toomaas warreen beela'aan nyaachisaa, warreen dheebotan obaasaa, kanneen Uffata dhabaniif uffata itti uffisaa, dhukkubsattoota fayyisaa mandara Hiyyeessotaatti argama» jedhee deebiseef kara deemaan sunis.

«Inni haa ta'u! Garuu eessa jiraree Manni Mootummaa inni naaf hojjete?» jedhee Mootichi kara deemaa sana gaafate «Mana Mootummaa dhagaadhaan ijaarame arguu dhiisuu dandeessu, Gooftaa koo! garuu fuula Uummata keessanii irratti gammachuu dubbisuu dandeessu!» jedhee deebiseef kara deemaan sunis.

Yeroo kanattis Mootichi qarshii isaa sun hundi akka jalaa qisaasa'e shakkuu jalqabe. Hoggasuma loltoonni isaa Toomaas barbaaduuf ganda sana marsan.

Qulqulluun Toomaas qabamee akkuma dhufeen «Mana Mootummaa koo maalif naaf hin hojjenne?» jedheen Mootichi, Toomaasis «Yaa Gooftaa koo hojjedheera!» jedhee deebiseef, Mootichis «Eessa jira? Bosonni suniyyuu yoom ka'e?» jedhee gaafate, Qulqulluun Toomaasis «Lafa irratti Mana Mootummaa dhagaa irraa hojjetame arguu dhiisuu danda'u, ani garuu Samii irratti Mana Mootummaa isiniif ijaareera!» jedheen Mootichaan.

Yeroo sanattis Mootichi ni dheekkame, harkaa fi miila Qulqulluu Toomaas muranii akka isa gidirsaniif gara Mana hidhaatti buusan. 

Halkan sanattis obboleessa Mootichaa kan ta'e Gaad dhukkuba tasaatiin muddamuu jalqabe. Gara bariittis lubbuun isaa ni baate. 

Lubbuun Gaadis Ergamootaan marsamtee gara Samiitti baate. Ergamoota Qulqullaa'oo ishee marsan keessaa inni tokko Manneen Mootummaa hedduu isheetti agarsiisaa «Akka keessa jiraattuuf kan sitti tole filadhu!» jedheen. Lubbuun Gaadis Manneen Mootummaa sana keessaa kan mul'atu Mana Mootummaa isa gaarii filatte. «Manni Mootummaan kun kan kee miti! Toomaas Mooticha Goondoopaarasiif kan hojjeteef Mana Mootummaa isa Samii irraati» jedheen. Yeroo kanattis Lubbuun Gaad Foon isaa waliin walitti makamte.

Gaad namoota isa awwaaluuf walitti qabaman gidduutti akka nama hirriba isaatii ka'uutti ni socho'e. Sana boodas ni ka'e, Gaad yeroo sanatti kan arge hunda Mooticha Goondoopaarasiifi namoota walitti qabaman hundatti hime. 

Mootichis kana yeroo dhaga'u wanta hamaa Qulqulluu Toomaas irratti raawwateef ni gadde, ni gaabbes. Manni Mootummaa inni yaade ijaaramuu isaa yeroo dhaga'u Toomaas mana hidhaatii baase. Isaafi maatiin isaas Kiristoositti amananii ni Cuuphaman. Goondoopaarasis «Mana Mootummaa kan biraas naaf hojjedhu» jechaa wanta qabu hunda Qarshii isaa Qulqulluu Toomaasitti kennuu jalqabe. Abbootiin qabeenyaa Maalaabaaris isa hordofan. 

Duuka bu'ichi Qulqulluun Toomaas Maalaabaar irraa eegalee hanga Chaayinaatti fulla'uun Wangeela Lallabeera. Dhuma irrattis bara 66 Dh.K.B magaalaa Milaapaaraatti kan argaman Waaqeffattoonni Xaa'otii gogaa isaa irraa kaasanii qalqalloo hojjechuun qaama isaa irratti Ashaboo naqanii isa gidirsaa du'aaf isa geessisaniiru.

Jaarraa Arfaffaa keessa Ekeraan isaa gara Eddeessaatti dhufee kabajaan ka'aameera.

Guyyaan Yaadannoo Qulqulluu Toomaas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti Caamsaa 26 dha.

Eebbi fi Araarsummaan Qulqulluu Toomaas hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!


Post a Comment

4 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)