Subscribe To Our YouTube Channel

Araarsummaa Qulqullootaa | Kutaa 1ffaa

Araarsummaa Qulqullootaa


Kutaa 1ffaa


Qulqulluun eenyu?



Mana Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo keessatti kan bu'uura
ta'aan keessaa tokko araarsummaa qulqullootaatti amanuu dha.
Qulqulloota kan jennu ammoo Waaqayyo filatee hojii gaarii
isaan hojjetaniin kan qulqulleesse, addunyaa kan mo'atanidha. Waaqayyo gooftaan qulqulluu akka taanuuf nu abboomuun isaa sagalee kanaa gaditti barraa'e irraa ni hubanna. «Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta'e isinis qulqulloota ta'aa!» (Lew. 19:2).

«Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa» (1 Phex. 1:14)

Waaqayyo amalummaa isaatiin qulqulluu fi cubbuun kan isaaf hin taane, sadarkaan qulqullummaa isaas uumamni hangana gaha jedhee dubbachuun kan ibsu miti. Akkuma armaan olitti hubannutti Waaqayyo kan isaa kan ta'an
hundi akka qulqulluu ta'an fedha. Namootaafiis ani qulqullu akkuman ta'e isinis qulqulluu ta'aa jedha. Kanaaf kan Waaqayyoo kan ta'e hundi qulqulluu dha jechuudha. Jecha Qulqulluu jedhu kana bakka lamatti qooduun ilaaluun ni danda'ama;

1. Qulqulluummaa Waaqummaa:


Qulqullummaa Waaqayyoo
qofaaf ta'e dha. Sababni isaas Waaqayyo amaluuma isaatu qulqulluu dha waan ta'eef.

2. Qulqullummaa Kennaa:


Qulqullummaan akkanaa kun
kan Waaqayyoon fedha isaatiin uumama biroof kennu jechuudha.
Qulqullummaa kennaa kan qaban immoo adda adda baasne ilaaluu ni dandeenya. Isaaniis: Ergamoota Qulqulluu, Meeshaalee (Mi'oota) qulqulluu, guyyaa qulqulluu, iddoowwan Qulqulluu fi namoota qulqulluu dha.

Egaa jecha qulqulluu jedhu kana gabaabsinee hanga kana erga ilaalle, mee gara mata duree kaasneetti haa deebinu.

Qulqulloota kan jedhaman kanneen keesaa hojiin araarsummaa kan ilaallatu ergamoota qulqulluu fi namoota qulqulluu dha. Kitaabni waa'ee sagalee Waaqayyoo dubbatu guddichis kitaaba Qulqulluu jedhama. Ergamoota qulqulluu yemmuu jennu ammoo ibiddaa fi bubbee irraa guyyaa jalqabaa uumaman kan ijaan hin muldhanne, kan lakkoofsa isaanii Waaqayyo malee namni lakka'ee bira hin geenye jechuudha. Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo Wareegamtoota Qulqulluu, toloota (dhugoomtota) qulqulluu, hayyoota Qulqulluu, Raajota qulqulluu ti kan biroos jennee ilaaluun ni danda'ama. Egaa kanaaf wangeela irratti Qulqulluu Maatewoos, Qulqulluun Maarqoos, Qulqulluu Luqaas, Qulqulluu Yohannis, Qulqulluu Pheexiroos, Qulqulluu Phaawuloos fi k.k.f jechuudhaan maqaa isaanii dura jecha Qulqulluu jedhu kan itti fayyadamnu. Amantaa Ortodooksii Tawahidoo keessatti waa'een araarsummaa Qulqullootaa fi kabajni isaanii bal'inan kan itti amanamuudha.

Egaa yemmuu waa'ee araarsummaa qulqullootaa ilaallu, dursa qulqulloonni akkamiin araarsu, aangoo akkanaa kana
eenyutu kenneef, qulqulloonni yoo lubbuun jiranii fi erga du'aan addunyaa kanarraa boqotan booda akkamiin araarsu kan jedhu ilaalla.

Oulqulloonni kan Gooftaaf hamma dhumaatti amanamanii, wareegaman fi maqaa Gooftaa keenya Qoricha keenya lyyasuus Kiristoosiif jedhanii gidiraa arganii fi maqaa isaatiin dinqii baayyee godhan, jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajilanii kan darbanii dha. Kanarraanis kan hafe addunyaa kana tufachuudhaan lafa onaa (Gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra dilalla'aa danda'anii, Waaqayyoon galateeffachaa kan turan, oduu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaatanii dha. Akka baruumsa Mana Kiristaanaatti Waaqayyo nama ta'ee, afaan namaatiin dubbatee, cubbuu malee wanta namni hojjete hunda hojjetee darbe jenna. Kanaaf ammoo namoota isaaf amanamaniif waadaa galeeraaf, waada isaaniif gale kanas ni raawwataaf jennee amanna.

Caqasawwan kanaa gadii kitaaba Qulqulluu iraa fudhatamanis
kanuma dhugaa bahu;

  • ✓ «Ijji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatis gara kadhaa isaaniiti» (Faar 34:15)

  • ✓ «Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif» (Fakk. 10:24).

  • ✓ «Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin humna cimaa gooti, dirqamas ni raawwatti» (Yaaq 5:16).

  • ✓ «Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhaa qulqullootaa
  • garuu ni dhaga'a.» (Fakk. 15:29)

  • ✓ «Kadhaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaana jaalatamaadha» (Faar. 140:2)

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments