Subscribe To Our YouTube Channel

Ba'aataa Maariyaam (በዓታ ለማርያም) | Gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ba'aataa Maariyaam «በዓታ ለማርያም»

Ayyaanota Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta'aanii akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kan kabajaman lakkofsaan 33 yoo ta'aan isaan kana keessaa ammoo Ayyaanota gurguddoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ta'aanii kan kabajaman shan (5) dha. Isaan kana keessaa ykn Ayyaanota Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n keessaa tokko kan ta'e Mudde gaafa bultii 3 kan kabajamu gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam ykn Ba'aataa Maariyaam dha. Ayyaanonni Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n maal maal fa'i? yoom kabajamu link kana tuquun 👉 read  dubbisaa!  Nutis barreeffama keenya hardhaatiin waa'ee Ba'aataa Maariyaam ni ilaalla dubbisaa!

Gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ibsa Suuraa :- Ba'aataa Maariyaam ykn gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam

Ayyaanota yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam 33'n keessaa tokko Baatii ykn ji'a Muddee keessa gaafa guyyaa Sadii (3) kan kabajamu gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ittiin yaadannu ykn «Be'aataa Le Maryam» jedhamee beekama. Kana jechuunis jechichi jecha Gi'iizii yoo ta'u gara Mana Qulqullummaatti seenuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan ittiin yaadannu dha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam haati ishee Qulqulleettii Haannaa fi Abbaan ishee ammoo Qulqulluun Iyyaaqeem jedhamu. Qulqulloonni kunneen lamaanis dhala dhabuudhaan yeroo hedduudhaaf turaniiru. Turtii isaanii kanaanis fedhii Waaqayyoo gaafachuuf fuuldura Waaqayyootti deddeebi'u ture. Yeroo sanattis hawaasa keessatti dhala dhabuun akka waan badaatti ilaalamee morma kan gadi nama cabsu, akkasumas Mana Waaqayyoottis Kiristaanota waliin walitti makamanii sirna Waaqeffannaa irratti akka hin hirmaanneef ulfaataa fi akka cubbuutti kan ilaalamu ture. Ta'us garuu rakkoon hammi kuni hundi isaanirra gahuyyuu Jaalalli gidduu isaanii jiru garuu gonkumayyuu hin hirdhanne ture, guyyaa tokkoyyuu Waaqayyo mufachiisanii hin beekan ture, abdiidhaan hojii Waaqayyoo eegu ture malee. Kadhannaan isaanii guyyaa guyyaadhaan kadhatanis mucaa nuuf kennitu deebisnee siif kennina kan jedhu ture. Waaqayyo gooftaanis Kadhannaa isaanii laphee irraa ta'eefi Wareega ykn Si'ilatii isaanii dhaga'ee dhala ykn mucaa ni kenneef. 

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis dhaloota Kiristoos dura bara 15 tti maatiiwwan Eebbifamoo yeroo dheeraaf dhala dhabanii turan Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaa irra ni dhalatte.

Daa'imni kun ykn Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam yeroodhaaf kan kennamte Kadhannaadhaan Abbaa fi haadha isheetiif ta'uyyuu dhumni isaa garuu Addaam fi ijoollee isaatiif, akkasumas uumama Addunyaa hundaaf kan kennamtedha. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Hagayya 7 garaatti baatamtee, Caamsaa 1 ni dhalatte. Akka aadaa ykn bartee Ibrootaatti «ልጅ ጡት የሚጥለው» erga dhalatee waggaa sadii booda ture waan tureef, haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis bartee sanaan hanga waggaa sadiitti kunuunsaa fi eegumsa Ergamootaatiin mana Abbaa fi haadha isheetti turteerti.


Qulqullichi Daawwit Faaruu isaa 65:14 irratti «Yeroo rakkoo kootti Afaan kootiin kanan dubbadhe, hidhiiwwan koo kan jedhan Wareega koos siif nan raawwachaa!» jedhee akkuma dubbate Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaan Wareega ykn Si'ilatii isaanii waadaa galan raawwachuuf Waaqayyo irraa fudhatanii Waaqayyoof kennuuf gara Mana Qulqullummaatti deeman, kanaan dura Oriitii keessatti haati Raajicha Saamu'eel Haannaan akkuma taasiste jechuunis mucaa ishee Saamu'eel dahuu isheetiin dura dhala dhabuu isheetiin hunda gadi taatee tuffatamtee jiraatti waan turteef Waaqayyoof Wareega wareegamte ykn Si'ilatii godhatte, wareegni ishees Waaqayyo dhala akka isheef kennuufi mucaa Waaqayyo isheef kenne kanas Mana Waaqayyootiif kennuu ture, bu'uura Wareega ykn Si'ilatii isheetiinis ilma ishee Saamu'eel Mana Waaqayyootiif kenniteerti. 1 Sam. 1:22-28. Isaan kunis ykn Iyyaaqeem fi Haannaan Aduu dhugaa kan jedhame Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiif akaakayyuu ta'uuf kan gahan Qulqulluu Iyyaaqeem fi Qulqulleettii Haannaan intala isaanii waggaa sadii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara mana Qulqullummaatti geessanii Hangafa Lubootaa Zakkaariyaasitti wareega isaanii wareeganii turan kennaniiru.

Lubichi Zakkaariyaasis waa'ee nyaataa fi dhugaatii ishee waan isa yaaddesseef gara Waaqayyootti yeroo agarsiisu Ergamoota kabajamoo Samii irraa keessaa tokko kan ta'e karaa Qulqulluu Faanu'eeliin akka sooramtuuf kan qophaa'e ta'uu isaatiin Nyaataa fi dhugaatii Samii qabatee dhufee kan ishee sooru ta'eera. Waa'ee Ergamaa Qulqulluu Faanu'eel kanaa Qulqulluun Heenook yeroo ragaa bahu «Hangafoota Ergamootaa kabajamoo keessaa inni arfaffaa fi namoota jireenya bara bara dhaalaniif Abdii ta'uudhaaf namoota Gaabbii galan irratti Ergamaa muudamedha» Heenook. 10:8-15.

Ergamaan kun haadha Gooftaa isaa Dubroo Maariyaam sooruuf ykn haadha Gooftaa isaatiif sooraa ta'uuf Waaqayyo waan isa qopheesseef haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam tajaajilaa tureera. Faaruu Daawwit irratti «ወኅብስተ መላእክቲሁ በልዑ አጓለ እመሕያው» ykn «Biddeen Ergamootaa ijoolleen namaa nyaatan» jedhamee akkuma barreeffame (Faaruu. 77:25) harka Ergamaa sanaatiin nyaata Samii Samii irraatti bilchaatee dhufe Habistii Samii, fi dhugaatii Xoofoo Samii irraa waraabameen soorachaa jiraatte, Nyaata Samii, Xoofoo ykn Tsiwwaa Samii irraa jedhamuun isaa garuu harka Ergamaa Samiitiin kan argame, gara olii irraa kan dhufeefi hojii Waaqummaatiin kan argame ta'uu isaatiini.

Oriitii dhaan uummanni Israa'eel Samii irraa Mannaan bu'eefii soorachaa turaniiru. Akkasumas Raajichi Eliyaas harka Ergamaa Qulqulluu Mikaa'eeliitiin nyaata nyaatee, innis humna ta'eefii guyyaa afurtama guutuu akka Tsoome Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffameera. Ba'uu. 16:10-13, 1 Mot. 19:8-9. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaamis Ergamoonni Waaqayyoo ishee tasgabbeessaa, soorummaa Ergamootaatiin eegamtee Qulqullummaa dhaan Mana Qulqullummaa jiraatteerti.

Taabotni isheen dhugaa Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Mana Qulqullummaa Taabonni keessa jirutti seente, Taabota jedhamuun haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kan bara baraati «Waaqayyo Tsiyooniin filateera, Bultoo isaa akka taatuufis jaallateera waan ta'eef, kuni Bultoo koo bara baraati, ishee filadheera» Faaruu. 131:14. Taabonni kunis fakkeenyummaan ishee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiifidha.

Manni Qulqullummaa isheen durii keessa isheetti Qulqulleettii, achiinis golga isa lammaffaa booda ammoo Dunkaanni Qulqulleettii Qulqullootaa jedhamtu turte. Qulqulleettiin fakkeenya laphee haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, Qulqulleettiin Qulqullootaa ammoo fakkeenya Foonii fi lubbuu ishee, Taabonni sun ammoo keessa isheetti Warqeen kan haguugamte Taabonni Kakuu ishee keessas Mannaa kan qabdu, Masoobii Warqii fi kan laliste Uleen Aroon achi turan. Ibr. 9:3-4. Akkasumas haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam keessaan, alaan, lubbuu isheetiin foon isheetiin Qulqulleettii dha, Warqeen Qulqulluu akkuma ta'e isheenis waa hundi ishee Qulqulleettii dha.


Akkasumas keessa isaatti Mannaa kan jedhame ilma ishee Fayyisaa Addunyaa Missiraachoo Ergamaa Qulqulluu Gabri'eeliitiin garaa isheetti baattee kan argamtu ta'uu isheetiin, akkasumas Uleen Aroon sun osoo ishee hin dhaabiin fi osoo bishaan hin obaasiin daraartee, firii buufattee akkuma argamte isheenis Dubrummaa dhaan, mallattoon Dubrummaa ishee osoo hin badiin Waaqayyo akka deessuuf fakkeenya. Wantoota kana hundaanis Manni Qulqullummaan isheen durii haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif fakkeenya. Taabonni dhugaa haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam Mana Qulqullummaa dachee irra jirtu keessatti akkuma seente, ammas Mana Qulqullummaa Samii irraa Mootummaa Waaqayyoo jirti bara baraaf Bultoo isaa waan taateef. Faaruu. 131:13-14.

Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam nyaataa Samii irraa fi dhugaatii Samii irraa dhugaa Ergamootaaf isheef dhiyaatu soorachaa waggoota kudha kanaaf Mana Qulqullummaa keessa turteerti. Akkasumas mana Abbaa fi haadha isheetti waggaa sadi turteerti. 

Faarfannaa kana isin affeerreerra! Dhageeffadhaa!




Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)