Subscribe To Our YouTube Channel

Raajichi Eliyaas eenyudha?

Raajicha IsaayyaasRaajicha Eliyaas

Barreeffama keenya hardhaatiin waa'ee Raajicha Qulqulluu Eliyaas ni ilaalla, isiniis dubbisaa! Hiriyoota keessaniifis qoodaa! Blog keenyas Subscribe taasisaa! Akkasumas barreeffama kana dubbistanii erga xumurtan booda Faaruun isiniif qopheessine jira isa nuuf affeeramaa!

Raajichi Eliyaas eenyudha?

Ibsa suuraa :- Raajicha Eliyaas

Raajichi Eliyaas daandii ykn ganda Gala'aad, Teesbiyaatti, maatii ajaja Waaqayyoo fi seera Waaqayyoo tiin cimanii dhaabbatan qajeelota kan ta'aan fi karaa warra qomoo Leewwii irraa kan ta'aan Abbaa isaa Iyyaabeeniyoo fi haadha isaa Toonaa irraa Mudde 1 dhalate. Biyyi isaas Teesbiyaa isa Gala'aad ykn Teesbiyaa ZeGala'aad dha, Raajichi Eliyaas lakkoofsi isaa Raajota hangafoota ykn Raajota durii keessaadha. 

Guyyaa Raajichi Eliyaas itti dhalatetti Manni isaanii ifaan guutameera. Ifa kan uffatan namoonni ykn Ergamoonni Afur dhufanii ibiddaan yeroo isa golgan Abbaa fi haati Raajicha Eliyaas arganii nahuudhaan Raajotaa fi Lubootatti himan.

Luboonni garuu wanti sun baay'ee waan isaan rakkiseef, garmalee waan baay'ee isaa ajaa'ibsiiseef «Uumama akkamiiti laata? Israa'eelitti moo'aa laata?» jedhanii isa ajaa'ibsiifataniiru. Qulqulluun Eliyaas daa'imummaa isaa irraa kaasee Qulqullummaa kan jaallatu, nama qajeelaa ture.

Raajichi Eliyaas Seera Oriitii barachaa erga guddate booda Abbaa isaa, haadha isaa, firoota isaa, qarshii isaa hunda dhiisee gammoojjii ykn lafa onaa taa'e. Duuka bu'ichi Qulqulluun Phaawuloos Ergaa isaa gara warra Ibrootaa irratti «...... Gogaa uffatanii naanna'aan, ni dhiphatan, ni rakkatan, gidiraa ni fudhatan, ni beela'aan, ni dheebotanis. Addunyaan kan isaaniif hin taane isaan kanadha, Tulluu dhaa Tulluutti, holqaa holqatti naanna'aan....» (Ibr. 11:37-38) jechuun akkuma barreesse Raajichi Eliyaasis jireenya Addunyaawaa irraa adda ba'ee Holqa keessa, Tulluu irra jiraachuu jalqabe.

Galmeen jechootaa Kitaaba Qulqulluu akka ibsutti jechi «Eliyaas» jedhu hiika «Waaqayyo Waaqadha» jedhu qaba. Kitaaba Qabsuura Raajicha Eliyaas irratti akka ibsametti ammoo jechi Eliyaas jedhu kun hiika «Zayitii Wayiraa, Biqiltuu Wayiraa» jedhu qaba. Zayitiin Wayiraa warreen dukkana keessa jiran hundaaf akkuma ibsu, Raajichi Eliyaasis Mana Waaqayyootiif ibsaadha waan ta'eef. Israa'onni seera Waaqayyoo cabsuudhaan, Xaa'otii Waaqessuudhaan dukkanaan yeroo liqimfamanitti Raajichi Eliyaas gahee Samii ajajuudhaan, burqaawwan bishaanii gogsuudhaan fi Raajiiwwan Dinqii garaa garaa agarsiisuudhaan laphee isaanii ifaa taasisee gara Waaqayyo Waaqeffachuutti isaan deebiseera. Tokkos Eliyaas jechuun «Zayitii ykn Dibata, wal jaallachuu» jechuudha. Zayitii ykn Dibata kan jedhames jaalala namaa yoo ta'u kunis Raajichi Eliyaas hojiiwwan Raajii inni taasisuun Waaqayyoo fi Israa'eel gidduutti nagaa fi jaalala buusuu isaa agarsiisa. 

Yeroon isaas Dhaloota Kiristoosiin waggaa 900 dura Mootii fi Uummanni yeroo hamoo turaniitti, Waaqayyo ganamee Xaa'otiin yeroo itti Waaqeffamu ture. Yeroo durii Xaa'otiiwwan harka Iloofilaanotaa turan ykn Daagoon fi Beel yeroo sanatti ykn bara Qulqulluu Eliyaasitti gara Israa'eelitti galanii turan.

Qulqulluun Eliyaas garuu dhaloota badaa ykn dhaloota hamaa kana keessaa ta'uyyuu Sirna Oriitii sirriitti kan beeku, nama qajeelaa jireenya Qulqullummaa fi Waaqayyo Waaqessuun jiraatu ture.

Yeroo sanattis Waaqayyo Qulqulluu Eliyaas Raajummaadhaaf waame. Innis «Tole» jedhee ajajamee waamicha kennaa Waaqayyoo fudhate. Qulqulluun Eliyaas yeroo baay'ee dhimmaaf yoo ta'een ala nama waliin hin oolu, hin bulu waan ta'eef iddoo jireenya isaa Tulluuwwanii fi lafa onaatti taasifate.

Keessattuu Tulluun Qarmeeloos ykn Dabra Qarmeeloos isaaf mana isaa ture. Jireenya isaa kanaanis Malka Tsedeeqitti aansee;

1. Qeerrummaaf (Qeerroo ture waan ta'eef)
2. Baahitaawwiif (Kophaa isaa ture waan ta'eef)
3. Minkusinnaaf (Jireenya Minkusinnaa kan jiraatu ture waan ta'eef) Kakuu Moofaa keessatti Raajicha bu'uura kaa'e jedhama.

Egaa yoomiyyuu;

→ Kakuu Moofaa keessatti akka Raajicha Eliyaas, 
→ Bara Kiristoositti akka Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa
→ Bara Abbootii ykn Bara Beektotaatti ammoo akka Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee Barsiisonni dheekkamanii ykn jabinaan barsiisan waan jiran miti.

Bara Raajicha Eliyaasitti Abbaa manaa fi haadha manaa hamoo Mootii Aki'aab fi Mootittii Elzaabeel jedhamantu ture isaanis Israa'eel irratti moo'anii waan turaniif uummanni Xaa'otii akka Waaqeffatu taasisan.

Inumaayyuu kanumaan isaan gahuu didee sababa lafa Oyiruu Wayiniitiin Naabutee is Izraa'eelaawwii ragaa sobaatiin dhiiga isaa dhangalaasan. Naabuteenis «Dhaala Abboota koo hin kennu, hin jijjiiru» jechuu Isaatiin akka Mana Kiristaanaa keenyaatti akka Wareegamaatti lakka'aama.

Raajichi Eliyaas garuu kana yeroo dhaga'u gara Aki'aab fi Elzaabeelitti dhiyaatee «Dhiigni Naabutee isin irratti hin hafu ykn bahuun isaa hin hafu, dhiiga kees Sareen ni arraaba» jedheen. Sababa kanaanis Elzaabeel isa ajjeesuuf barbaadduyyuu inni garuu kan Waaqayyoo waan ta'eef isa argachuu hin dandeenye.

Kanaanis ykn Raajicha Eliyaas dhabuu isheetiin aariidhaan Raajota hedduu walitti qabdee «Isaan ajjeesaa!» jetteen. Isaan kana keessaas hedduun isaanii yeroo qalaman, isaan kana keessaa dhibba tokko (100) kan ta'aan garuu Abdiyuun holqa keessatti isaan dhoksee, isaan nyaachisaa isaan oolcheera. Israa'eel keessatti garuu hookkaraa fi Cubbuun babaldhachaa deeme. Uummannis kennaa Waaqayyoo nyaadhaa Beel ykn Be'aaliif sagaduu jalqabe.

Yeroo kana garuu Raajichi Eliyaasis «ሕያው እግዚአብሔር አምላከ ኃይል: ዘቆምኩ ቅድሜሁ: ከመ ኢይረድ ጠል በእላ መዋዕል ዘእንበለ በቃለ አፉየ» jedhee Bokkaan Samii irraa akka hin buune ykn bokkaan akka hin roobne taasise. Waggaa sadii fi ji'a jahaafis Samiin Bokkaa kennuu irraa ni dhorkamte.

Uummanni sababa Cubbuu isaatiin ykn uummannis sababa Cubbuu isaaniitiin ni miidhaman. Raajicha Qulqulluu Eliyaas garuu Allaattiin isa soora ture. Burqaan bishaaniis isaaf burqee ni dhuga ture. Kuni yeroo hafus ni kadhate. Waaqayyos Koraat irraa gara Siraapitaatti akka bu'u isa ajaje. Achitti haati Raajicha Yonaas Biddeen tolchitee isa nyaachisuu isheetiin manni ishee eebbaan guutame.

Ilmi ishee daa'imichi Yonaasis yeroo du'etti Kadhannaadhaan Raajichi Eliyaas kaaseefiira. Itti aansees yeroo torba kadhatee waggaa sadii fi ji'a jahaaf Samii cufamee Bokkaa roobuu dide banee bokkaan roobeera, uummannis guyyaa sanatti eebba irraa hirmaataniiru.

Isaan dura garuu Elzaabeeliin Raajota sobaa fi Luboota Xaa'otii 850 waliin dorgomee injifateera. Aarsaa aarsanii kan isaa ykn kan Qulqulluu Eliyaas qofa ibiddi Samii irraa bu'ee waan nyaateef, uummanni Raajotaa sobaa fi Luboota Xaa'otii 850 sana fixaniiru.

Kana kan dhageesse Elzaabeelis isa ajjeesuuf barbaaduu eegalte. «Maaloo yaa Waaqayyo Gooftaa koo! Ani Abbootii koo darban irra hin caalu waan ta'eef na fudhadhu! kophaa koo hafeera!» jedhee yeroo kadhatu Waaqayyoo Missiraachoo namoonni Xaa'otiidhaaf hin saganne kuma torba (7000) hafuu isaanii fi innis gara dachee jiraattotaatti (ብሔረ ሕያዋን) akka fudhatamu itti hime. 

Gaaf tokko Raajichi Eliyaas dhadhabee osoo jiruu Ergamaan Waaqayyoo Qulqulluun Mikaa'eel isa kaasee itti muldhate, Masoobiidhaanis nyaataa fi Bishaan qabateefii «Nyaadhu! dhugi!» jedheen. Raajichi Eliyaasis nyaatee, dhugee ni rafe. Irra deebiidhaan Ergamaan Waaqayyoo sun hirribaa isa dammaqse, ammas yeroo sadaffaadhaaf dhufee isa dammaqsee «ብላዕ እስከ ትጸግብ እስመ ርሑቅ ፍኖትከ» ykn «Daandiin ati deemtu dheeraa waan ta'eef hanga quuftutti nyaadhu!» jedheen.

Raajichi Eliyaasis guyyoota Afurtamaaf nyaata malee deemeera. Sana boodas nyaata lafarraa hin nyaanne. Waaqayyos Mooticha Aki'aab fi Mootittii Elzaabeel erga adabe booda, Raajichi Eliyaas hamoota kanneen irratti yeroo lama Ibidda roobseera.

Gaaf tokko Raajichi Eliyaas Kadhannaa taasisaa osoo jiruu Ergamaan Qulqulluun Raagu'eel isaaf ibsamee «Wantoota badoo ta'an kan injifatte, du'a kan moote gammadi! gara Samiitti yeroo itti baatu gaheera waan ta'eef, biyya gammachuu, Jaalalli itti guute, biyya Godaansi, gaddi, duuti, dhukkubni gonkumayyuu keessa hin jirre mana eebbi itti guutametti ni seenta! achittis ajaja Waaqayyo Gooftaa kan barreessu kan akka kee Heenook ni jira, amma ka'iitii Yordaanoos ce'ii deemi!» jedheen.

Waaqayyo Raajicha Eliyaas gara olittii ykn gara Samiitti yeroon itti baasu yeroo gahetti Raajichi Gelgeelaa irraa ka'ee gara Iyyaarikootti yeroo deemu Duuka bu'aan isaa Raajichi Elsaan «Gonkumayyuu si biraa hin hafu!» jechuudhaan isa duukaa bu'ee waliin deeme. Iyyaarikoo yeroo gahaanittis Raajonni xixiqqoon Iyyaarikoo jiran ni dhufan, ol ba'iinsi Raajicha Eliyaasis Ogummaa Afuura Qulqulluutiin isaaniif ibsamee Raajicha Elsaadhaan «Hardha Waaqayyo Raajicha Eliyaas akka si biraa fudhatu beektaa?» jedhaniin innis «Beeka! Callisaa!» jedheen. Sana boodas Raajichi Eliyaas Elsaadhaan «Waaqayyo gara Yordaanoositti na ergeera waan ta'eef ati as taa'i!» jedheen, Raajichi Elsaan garuu «Gonkumayyuu sirraa adda hin ba'u!» jedhee isa waliin deeme.

Raajota keessaas Dhiironni shantamni (50) isa waliin tokkummaan deemuun fuuldura isaanii dhaabbatan. Raajichi Eliyaasis Uffata isaatiin bishaan Yordaanoos yeroo rukutu bishaanichi iddoo lamatti qoodame. Raajichi Eliyaas fi Elsaanis bishaanicha ni ce'an. Erga ce'an boodas lafa onaa irra dhaabbatan. Bishaanicha erga ce'an boodas Raajichi Eliyaas Duuka Bu'aa isaa Elsaa dhaan «Si biraa osoon hin fudhatamiin wantan akka siif taasisu barbaaddu na kadhadhu» jedheen. Raajichi Elsaanis «Humni Afuura Qulqulluu sirra bule dachaa ta'ee narra haa bulu» jedheen. Raajichi Eliyaasis «Wanta ajaa'ibaa na kadhatte ta'us garuu ani sirraa adda ba'ee yeroon ol ba'utti yoo na argite siif ni ta'a, yoo na hin argine garuu siif hin ta'u» jedheen.

Lamaan isaaniiyyuu dudubbachaa osoo deemaa jiranii Saragallaan Ibiddaa, Fardi Ibiddaa gidduu isaaniitti bu'ee gargar isaan baase. Raajichi Eliyaasis obomboleettiidhaan, saragallaa Ibiddaatiin ol ba'e. Raajichi Elsaanis gara Samiitti fudhatamuu Raajicha Eliyaas argee ni iyyee «Israa'elootaaf humna isaanii, Abbaa isaanii, Yaa Abbaa!» jedhe. Sana boodas lammaffaa isa hin argine. Raajichi Eliyaasis Uffata isaa lamatti qoode, marata (መጠምጠሚያውንም) isaas Raajicha Elsaadhaaf ni kenne, Eebbaa fi Kennaan Raajicha Eliyaasis Raajicha Elsaa irra bule.

Faaruu kana dhageeffadhaa «ኤልያስ በሰረገላ ሰወረው ደመና» Video kana guutummaa isaa ilaalaa!




Kunis fakkeenya dha. Eliyaas lafa Yordaanoos ce'ee gara dachee Jiraattotaatti akkuma seene, Amantoonni ykn Kiristaanonni Bishaan fi Afuura Qulqulluu irraa dhalatanis Mootummaa Waaqayyoo ni dhaalu waan ta'eef «Namni lammaffaa hin dhalanne Mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda'u!» akkuma jedhe gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Wangeela Qulqulluu Yohaannis irratti (Yoh. 3:5).

Walumaa galatti Raajichi Eliyaas Raajota Kudha shanan Kakuu Moofaa keessa turan keessaa jechuunis;

1. Raajicha Musee
2 Raajicha Iyyaasuu
3. Raajicha Saamu'eel
4. Raajicha Yonaataan
5. Raajicha Gaad
7. Raajicha Solomoon
8. Raajicha Elsaa
9. Raajicha Izraa
11. Raajicha Ermiyaas
12. Raajicha Hizqi'eel
13. Raajicha Daani'eel fi 
14. Yohaannis Cuuphaa keessaa Raajicha isa tokkodha.

Raajichi kun qaama fooniitiin Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliin Dabra Taaboritti kan kan dubbatedha, Aarsaa Xaa'otii diigee Waaqayyo Gooftaadhaaf Aarsaa isa sirrii kan aarsedha ykn Aarsaa kan ol baasedha, Baahitaawwii Sirna Minkusinnaa eegaledha akkasumas waa'ee firdiif ykn murtiif dhufuu Waaqayyoo dursee kan Lallabuudha.

Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos waa'ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa yeroo dubbatu Yohaannisiin «Eliyaas» jedheera. 

→ Uffanni Yohaannis Rifeensa Gaalaa akkuma ta'e, Eliyaasis Rifeensawaa ture waan ta'eef,
→ Lamaan isaaniiyyuu namoota Gadaamii, Baahitaawwiiwwan turan waan ta'eef,
→ Eliyaas osoo hin sodaatiin Aki'aab fi Elzaabeelitti akkuma dheekkame, Yohaannisis osoo hin sodaatiin Heeroods fi Heeroodiyaadaatti dheekkameera waan ta'eef,
→ Akkasumas Yohaannis dhufaatii Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos isa tokkoffaa ykn fooniin gara Addunyaatti dhufuu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee akkuma barsiise, Raajichi Eliyaasis dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee ni barsiisa waan ta'eef wal isaan fakkeessa waan ta'eef Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos Yohaannis Cuuphaadhaan «Eliyaas» jedheeniira. (Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu)

Barsiisonni ykn Abbootiin Mana Kiristaanaa akka barsiisanitti Raajichi Eliyaas dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos dursee Mootummaa Waaqayyoo Addunyaatti labsuudhaan Wareegamummaan ni boqota. 

Raajiiwwan Qulqulluun Eliyaas taasise keessaa muraasa;

• Ji'oota ykn Baatiiwwan 42'f ykn Waggaa sadii fi ji'a jahaaf bokkaan akka hin roobne taasiseera.
• Allaattiidhaan Soorameera. 1 Mot. 17:4-6.
• Mana Dubartiitti ykn mana haadha Raajicha Yonaas eebbaan guuteera. 1 Mot. 17:14.
• Samii irraa Ibidda buuseera. 1 Mot. 18:38.
• Mucaa Dubartiitti ykn Raajicha Yonaas du'aa kaaseera. 1 Mot. 17:22.
• Tulluu Qarmeeloos irratti Aarsaa dhiyeessee Waaqayyos Aarsaa isaa fudhateefiira, Luboota Xaa'otii injifateera. 1 Mot. 18:38.

Guyyoota Yaadannoo Raajicha Eliyaas

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Ayyaana waggaa Qulqulluu Raajicha Eliyaas lama yoo ta'an. Isaanis;

1. Mudde 1 :- Guyyaa itti Raajichi Eliyaas itti dhalate fi

2. Amajjii 6 :- Guyyaa itti Raajichi Eliyaas ol bahe.

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti ji'a ji'aan gaafa guyyaa 6 Ayyaana Yaadannoo Raajicha Eliyaas ta'ee ni yaadatama.

Eebbi Qulqulluu Eliyaas nurra haa bulu!

Madda :-

• Hiikoo Andimtaa Wangeela Qulqulluu
• Waldaa Qulqullootaa
• ፍኖተ ስብከት
• Qabsuura Raajicha Eliyaas

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

0 Comments