Subscribe To Our YouTube Channel

Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan eenyudha?

​​Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Akka Kitaaba Qulqulluutti maqaa «Yohaannis» jedhamuun kan waamaman Qulqulloota sadidha. Isaanis;

1. Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa keenyaatti maqaa «Yohaannis» jedhamuun kan waamaman Qulqullootaa fi Abbootii hedduutu jiru; isaan keessaas Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee, Qulqulluu Yohaannis isa gabaabaa fi k.k.f caqasuun ni danda'ama.

Hardha waa'ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa isiniif qabaannee dhiyaanneerra, isinis dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa akkasumas blog kana Subscribe taasisaa!

Ibsa Suuraa :- Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan eenyudha?

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan maqaawwan hedduu kan qabu yoo ta'u isaan keessaas;

1. Raajii
2. Duuka Bu'aa
3. Luba
4. Wareegamaa
5. Baahitaawwii
6. Cuuphaa Waaqayyoo
7. Labsii kan himu
8. Barsiisaa fi gorsaa
9. Daandii kan qulqulleessu
10. Riqicha Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa fi k.k.f caqasuun ni danda'aama.

Qulqulluun Luqaas Wangeela isaa kan jalqabe maatii Qulqulluu kanaani jechuunis Afuurri Qulqulluu akkas jedhii barreessi jedheeniira «Lubni Zakkaariyaas fi Elsaabeet namaa fi Waaqayyo fuulduratti qajeelota turan» jedha. Luq. 1:6.

Qulqulloonni kunneen garuu dhala dhabuu isaaniitiin mucaa osoo hin argatiin waggoota hedduuf turanii ture. Akka Tiwuufiitii Mana Kiristaanaatti umuriin isaanii kan Elsaabeet waggaa 90 fi kan Luba Zakkaariyaas ammoo 100 gahee ture. 


Waaqayyos obsuu isaanii kan arge umurii isaanii dullumaatti nama hundaa ol kan ta'e, raajiin kophaa isaatti kan dubbatameef (Isa. 40:3, Mil. 3:1) raajii guddaa isaaniif kennuuf Waaqayyo Ergamaa Missiraachoo Qulqulluu Gabri'eel isaaniif erge.

Lubni Zakkaariyaas nama waan ta'eef garmalee gammaduu isaa irraa kan ka'e mormuu isaatiin ni adabame. Elsaabeet garuu Fulbaana 26 nama cimaa sana garaatti baattee ji'oota shaniif of dhoksite. Ji'a jahaffaattis Gooftaan gooftotaa, Waaqni Waaqotaa gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garaatti yeroo baatametti haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam gara Elsaabeetitti dhufte. Qulqulloonni kunneen lamaan fira dha.




Haati Waaqayyoo Dubroon Maariyaam yeroo geessee nagaa isaan gaafattus Afuurri Qulqulluu haadhaa fi ilmatti (Elsaabeet fi Ilma) irratti bu'ee, Elsaabeet galatoodhaan, Yohaannis ammoo gadameessa keessa osoo jiruu gammachuudhaan ni utaale, ni sagade. Kana boodas Waxabajji 30 ni dhalate, Abbaan isaa Lubni Zakkaariyaas dura adabamuudhaan diidaa ta'ee tures amma «Yohaannis» yeroo jedhu afaan isaa hiikameera.

Qulqulluun Yohaannis erga dhalatee 
umuriin isaa waggaa 2 fi ji'a jaha yeroo ta'utti namoonni Ogeeyyii ykn Sabi'aa Saggal dhufuu isaaniitiin daa'imman dachee Israa'eel irratti argaman Mootii Heeroodsiin waan barbaadamaniif ykn Mootiin Heeroods daa'imman Israa'eel ajjeesuuf waan barbaaduuf akkasumas xiqqoo turee Ayihuudonni waa'ee daa'imichaa ykn waa'ee Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa Heeroodsitti himan «Akkuma garaatti baatameen Afaan Abbaa isaa cufe, yeroo dhalatu ammoo deebisee Afaan Abbaa isaa kan bane daa'imni 'Yohaannis' jedhamu jira waan ta'eef isas ajjeesi!» jedhan.

Haati isaa Qulqulleettiin Elsaabeetis ilma ishee Qulqulluu Yohaannis qabattee yeroo godaantu, Lubni Zakkaariyaas garuu Mana Qulqullummaa keessatti ajjeefameera. Qulqulleettiin Elsaabeetis daa'imicha guddisaa Gadaama Zifaatitti waggoota 3 ykn 5'f turteerti. Qulqulluun Yohaannis umuriin isaa waggaa 5 ykn 7 yeroo guutu garuu achuma gammoojjii keessatti haati isaa Qulqulleettiin Elsaabeet ni boqotte. Samii irraas Zakkaariyaas fi Simi'oon bu'anii ishee awwaalan.


Daa'imichi Qulqulluun Yohaannis yeroo boo'us Haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam biyya fagoo keessaa isa dhageesse, isheenis godaansa irra turte waan ta'eef. Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waliinis Duumessaan Qulqulluu Yohaannis bira deemanii haati keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam isa haammattee isa jajjabeessite, Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosiinis «Haa fudhannuu?» jetteen, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu «Tajaajila isaatiif hamman isa waamutti as haa turu» jedheen isaanis isa eebbisanii, isa jajjabeessanii gargar ba'aan.

Qulqulluun Yohaannisis kana booda gammoojjii sana keessatti rifeensa Gaalaa uffatee, hidhannoo mudhii isaatti hidhatee jireenya Baahitaawwii isaa itti fufe. Waggoota 25'f (23) Qulqullummaan yeroo jiraatu bineensota lafa irra jiranii fi Ergamoota Samii irraatiin ala homaa hin argine. Addunyaa badduu kanas hin dhandhamne.

Kana boodas umuriin isaa waggaa 30 yeroo guutu Waaqayyo Samii irraa itti dubbate «Deemi! Daandii mucaa koo qulqulleessi!» jedheen. Raajonni waa'ee kanaa dubbatanii ykn raajii raajanii turan waan ta'eef. (Isa. 40:3, Mil. 3:1) Abbaan isaa Lubni Zakkaariyaasis «ወአንተኒ ሕጻን ነቢየ ልዑል ትሰመይ: እስመ ተሐውር ቅድመ እግዚአብሔር ከመ ትጺሕ ፍኖቶ» ykn «Ati Raajii Waaqayyoo ni jedhamta, daandii isaa akka qulqulleessituuf Gooftaa fuuldura ni deemta waan ta'eef» jedhee daandii Gooftaa qulqulleessuu isaa dubbatee ture waan ta'eef. Luq. 1:76.

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan yeroo sanatti humna Afuura Qulqulluutiin durfamaa Gammoojjii irraa gara Yihudaatti dhufe. Namoonni isa argan hundis ni sodaatan, is sa ni kabajanis, hojjaan isaa kan soroore, areedni isaa gadi kan qajeele, rifeensi isaa gurraacha kan ta'e, bifti isaa guutuu kan ta'e naatoon isaa kan nama sodaachisu nama Gadaamii ture.

Qulqulluun Yohaannis Cuuphaanis dursee uummatatti waa'ee Gaabbii Lallabe. Gaabbiidhaanis baay'ee isaanii cuuphe, tajaajila isaa kanaanis ji'oota jahaaf turee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos gara isaatti dhufe. Qulqulluun Yohaannisis Waaqayyo uumaan Samii fi lafaa isa biratti dhufee «Na cuuphi!» yeroo jedhuun ni nahe, waan godhus wallaale.

«Lakki Gooftaa koo! Ati na cuuphi!» jedheen. Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu «Siif eyyameera» jedheen. Yeroo kanattis Qulqulluun Yohaannis Cuuphaan Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos ni cuuphe. Sababa kanaanis ykn Qulqulluun Yohaannis Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoos waan cuupheef «መጥምቀ መለኮት» ykn «Cuuphaa Waaqayyoo» jedhamaa jiraata. Qulqulluun Yohaannis dhuma irrattis Heeroodsitti ni dheekkame. Mootichis kanaan aaree guyyoota torbaaf isa hidhe.


Guyyaa sanattis ykn guyyaa dhaloota isaa yeroo kabajutti intalli Heeroodiyaadaa sirbaan isa qabdee isa kakachiifte. Isheenis morma Qulqulluu Yohaannis muree akka isheef kennu gaafatte, innis kakatee waan tureef ni kenneef. Abbootiinis «እምሔሶ ለሔሮድስ ይብላዕ መሐላሁ» ykn «Heeroods kakaa isaa osoo nyaateera ta'ee isaaf wayya ture!» jedhu. Mormi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa murante kunis koochoo baastee yeroo balaliitu, foon isaa ammoo Duuka Bu'oonni isaa awwaalaniiru. Wangeela Maatewoos (Maat. 3:1), Wangeela Maarqoos (Marq. 6:14), Wangeela Luqaas (Luq. 3:1), Wangeela Yohaannis (Yoh. 1:6).

Heeroodsis morma Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa erga mursiise booda mormi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa koochoon kennaa kennameefii gara iddoo Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos jiruutti deemtee fuuldura Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoositti ni sagadde. Qulqulloonni Duuka Bu'oonnis wanta arganiin ajaa'ibsiifatamanii harka fuudhan.

Kana boodas Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos morma ykn mataa Qulqulluu Yohaannis Cuuphaatiif aangoo barsiisuu kenneefii ishee gaggeesse. Guutummaa Addunyaatti naanna'uunis waggoota 15'f Lallabaa turtee guyyaa Fulbaana lamatti Arabiyaa keessatti boqotteerti.

Guyyoota Yaadannoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Ayyaana gurguddoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa waggaatti yeroo sadi yoo ta'u, isaanis;

1. Fulbaana 2 :- Guyyaa itti mormi isaa murame.

2. Fulbaana 26 :- Guyyaa itti Qulqulluun Yohaannis Cuuphaa garaatti baatame.

3. Waxabajjii 30 :- Guyyaa itti Qulqulluu Yohaannis Cuuphaan itti dhalate.

Akkasumas ji'a ji'aa gaafa guyyaa 30 guyyaa Yaadannoo Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa ta'ee ni kabajama.

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Post a Comment

1 Comments

Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)