Subscribe To Our YouTube Channel

Wareegamaan Qulqulluun Marqooriyoos eenyudha?

Qulqulluu Marqooriyoos

Wareegamtichi Qulqulluun Marqooriyoos eenyudha?

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Maatiiwwan Waaqayyoo, ijoolleen haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nagaa Waaqayyootiin akkam jirtuu?

Barreeffama keenya hardhaa keessatti waa'ee Wareegamaa Qulqulluu Marqooriyoos isiniif dhuyeessineerra isinis dubbisaa, hiriyoota keessaniifis qoodaa! akkasumas Blog keenya kana Subscribe taasisuun akkuma nuti asii post taasisneen isin bira akka gahan taasisaa!




Gatii guddaan Amantaa Kiristaanummaaf kaffalamu Wareegamummaa waan ta'eef Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa keenya raga baatota ishee Wareegamtootaaf iddoo addaa fi kabaja guddaa qabdi. Urjii irra urjiin akkuma caalu Wareegamtoota keessaas Qulqulluun Giyoorgisii fi Qulqulluun Marqooriyoos fa'a ammoo kabajni isaanii garmalee guddaadha.

Qulqulluun Marqooriyoosiin yeroo baay'ee Abbootiin «ካልዕ (ሁለተኛው) ሊቀ ሰማዕታት» ykn «Hangafa Wareegamtootaa isa lammaffaa» jedhuun ykn jedhanii isa ibsu. Duubni Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Marqooriyoos akkamidha yoo jedhan;

Naannoo dhuma jaarraa lammaffaa keessa bulchiinsota Room keessaa ishee tokko kan taate Asleexitti Abbaa fi haadha manaa isaa waliin kan jiraatu nama «Aroos» jedhamutu ture. Haati manaa isaas bareedduu turte, innis nama qajeelaa ykn nama gara-laafessa ta'uyyuu garuu kan isaan Waaqessaa turan Xaa'otiidha.


Guyyaa tokkos Aroos haadha manaa ykn niitii isaa manatti dhiisee Adamoodhaaf Abbaa isaa waliin ba'e. Akka bartee isaaniittis kiyyoo isaanii sirreessanii dhoksan, ykn ol ka'aanii dhokatan. Bilbilli kiyyoo sana irraas yeroo iyyu ykn sagalee yeroo dhageessisu «Bineensi nuuf qabame» ykn «Kiyyoo keenya keessa Bineensi seene» jedhanii yeroo fiigan wanti Iji isaanii arge garuu naasuudhaan akka dhaabbatan isaan taasise. Saroonni fuula lama qaban ykn «2 ገጻተ ከለባት» kiyyoo sana keessatti qabamanii turan.

Uumamtoonni kunneen namootadha. Garuu haala uumamaa hin beekamneen akkas akka ta'an ni amanama. Garuu garmalee guddaa, morma isaaniitii ol akka Saree, mudhiin isaanii akka namaa, humni isaanii akka Leencaa yoo ta'u, miilli isaanii ammoo Nahaasa fakkaata ykn kan fakkaatudha.

Uumamtoonni kunneen warreen Samii irraa yoo ta'aan malee warri lafa irraa isaan hin danda'aan. Leencaa fi Qeerransayyuu akka carqiitti kukkutanii gataa akka turan ni himama. Iji isaanii akka ibiddaatti boba'a waan tureef xiyyeeffannoon isaan ilaaluun hin danda'aamu. Iccitiin isaanii garuu Waaqa isaan uumedha.


Gara dubbii keenyaatti haa deebinuutii Aroos fi Abbaan isaa yeroo isaan arganitti ykn yeroo Bineensota kanneen arganitti naasuudhaan ni kufan. Saroonni ykn wantoonni Saree ykn Bineensonni Saree fakkaatan suneennis kiyyoo sana akka kirriitti kukkutanii Abbaa Aroos daqiiqaatti nyaatan. Aroos nyaachuuf yeroo jedhan garuu tasa Ergamaan Waaqayyoo Samii irraa bu'ee Sayifii Ibiddaatiin isaan dhorke.

Ibsa Suuraa :- Wareegamaa Qulqulluu Marqooriyoos

«Isa irraa kan ba'u firiin eebbifamaan jira waan ta'eef isa hin tuqiinaa!» jedheen. Hoggasuma ergamichi humna qabeessummaa isaanii balleesse. Yeroo kanattis lamaan isaaniiyyuu gara Aroositti deemanii sagadaniif. Aroosis gara mana isaatti qabatee deemee dhoksee wanta ta'e hunda haadha manaa ykn niitii isaatti hime.

Yeroo muraasa boodas haati manaa isaa ni ulfoofte, ni deesses. Mucaa isaanii dhalate kanaanis maqaa isaa «Piluupaadeer» ykn «Piluupaatar» jedhanii moggaasaniif. Hiikni isaas :- «መፍቀሬ አብ» ykn «Abbaa kan jaallatu» jechuudha. Sana boodas Aroos haadha manaa isaa, mucaa isaa fi Saroota fuula lamaa ykn «2 ገጻተ ከለባት» sana qabatee gara Mana Kiristaanaatti deemuun ni Cuuphaman.


Abbootiin Luboonni isaan «Nooh» haadha manaa isaatiin ammoo «Taabota» mucaa isaaniitiin ammoo «Marqooriyoos» jedhanii moggaasaniif, Marqooriyoos jechuunis «ገብረ ኢየሱስ ክርስቶስ» ykn «Tajaajilaa Iyyesuus Kiristoos» jechuudha. Sana boodas gammadaa, Kiristoos Waaqeffachaa, warreen Hiyyeessota yaadachaa mucaa isaanii Marqooriyoos guddisan. Ta'us garuu oduun Saroota sanaa dhaga'aamuu isaatiin Mootichi naaf fiddan malee jedheen. Noohis kadhatee gara humna qabeessummaa isaaniitti isaan deebisee waan tureef fuulli isaanii akkuma ibsamuu jalqabeen Ahizaabonni hedduun naasuudhaan du'an. 

Mootichis waan sodaateef Noohiin ajajaa waraanaa taasisee muude. Yeroo waraanaattis Saroonni sunneen humni isaanii waan deebi'uuf injifatamee ykn mo'amee hin beeku ture. Gaaf tokko garuu Saroota lamaan sana Mootichi gowwoomsee fudhate. Amantaa isaaniis isaan gachisiisuuf ykn isaan gansiisuuf yeroo jedhu isa didan. Mootichis waan isa didaniif isa tokko yeroo ajjeesu inni kan biraa ammoo harkaa ba'ee bade.

Yeroo sanattis ykn Waqtii sanattis Nooh waraanaaf ba'ee ni booji'ame. Mootichi ammoo Taabota ykn haadha manaa Aroos «Sin fuudha!» waan isheedhaan jedheef ilma ishee waggaa shanii Marqooriyoos qabattee godaante. Godaansaan ykn godaansa irra xiqqoo akkuma turteen garuu abbaa manaa ishee Nooh argite. Isheen isa bartuyyuu ykn isheen isa yaadatuyyuu inni garuu ishee irraanfatee ture. Boodarra garuu sababa Marqooriyoosiin yaadachuu isaatiin ni gammadan. Achuma naannoo Room osoo jiraniis Sareen inni tokko ni dhufe isaanis ni arge. Sababa kanaanis biyya godaanettis Abbaa taayitaa ta'ee muudame.


Achittis Mana Kiristaanaa ijaaree, mana isaas Mana hiyyeessotaa taasisee Nooh waggootaaf jiraate. Qulqulluun Marqooriyoos dargaggeessa yeroo ta'us maatiin isaa Nooh fi Taabot ni boqotan. Innis hiriyaa isaa Saree isa tokko sana waliin Kadhannaa fi Tsoomiidhaan osoo jiraatuu bakka Abbaa isaa ajajaa waraanaa isa taasisan.


Waraana irrattis cimaa, namoota birattis gonka jaallatamaa, nama Tsoomii fi Kadhannaa ta'e. Yeroo sanatti garuu Mootichi Daakeyoos Kiristoos ganuu isaatiin Kiristaanota irratti du'a labsame. Yeroo sanatti ammoo namoonni Barbar Mootummaa Room irratti waraana banuu isaaniitiin Daakeyoos fi Qulqulluun Marqooriyoos waraanaaf ba'an.

Ta'us garuu Barbaroonni baay'inni isaanii akka Cirrachaatti dhangala'aanii yeroo argu Mootichi ni na'e. Borumtaa isaattis beellamamee ykn beellamni qabamee Qulqulluun Marqooriyoos yeroo kadhatu Qulqulluun Gabri'eel bu'ee Sayifii kenneef.

Borumtaa isaas «Maal wayya?» yeroo jedhamu, Qulqulluun Marqooriyoos «Ani garbicha Kiristoos waanan ta'eef kophaa koo isaan nan dhaaba» yeroo jedhu itti kolfan.

Inni garuu Fardaa isaa Gurraachaan (isa waliin kan guddatedha) fe'amee ykn Farda isaa Gurraacha irra taa'ee warra Barbariin «Waraanni, Lolli isinitti haa hafu nagaadhaan deemaa!» yeroo isaaniin jedhu isaan garuu itti qoosan. Yeroo sanattis Kadhannaa taasifatee Sayifii ergamaa sana yeroo baasu baay'eewwan isaanii ni kufan. Karaa warra Barbarootaa keessaa oduu himuudhaafiyyuu kan hafe hin turre.

Dhimmi kunis Roomitti yeroo dhaga'aamu gammachuu guddaatu ta'e. Duubni isaa garuu gantichi Daakeyoos «Injifannoon kun kan Xaa'otiiwwan koo Aphooloon fa'i» jechuu isaatiin Qulqulluun Marqooriyoos gaddaa bule.

Guyyaa sadaffaattis «Xaa'otiidhaaf Aarsaa dhiyeessi!» ajajni jedhu Mooticha irraa dhufe. Qulqullichi garuu gara Addabaabaayiitti deeme, uffata isaa kabajaa fi hidhannoo isaa baasee Mooticha fuulduratti darbate.


«ሃብትከ ወክብርከ ይኩንከ ለኃጉል:: ሊተሰ ክብርየ ክርስቶስ ውዕቱ» ykn «Anaaf kabajni koo Kiristoos waan ta'eef qabeenyi kee badii keetiif haa ta'u!» yeroo jedhus ykn jedhees Addabaabaayiitti Mootichatti dheekkame ykn qeeqe. Mootichi Daakeyoosis garmalee aaruudhaan Ibidda qabsisiisee, siree sibiilaa ho'isiisee Qulqulluu Marqooriyoos Sibiila sana irra ciibse. Sunis osoo isa hin gahiin loltoonni wal wal irraan jijjiiramaa yeroo isa reeban dhiigni isaa dhangala'ee ibidda sana dhaamse. Kanaafidha Abbootiin «አመ አንደዱ ላእሌከ ውሉደ መርገም ፥ እምቅሡፍ አባልከ እንተ ውኅዘ ደም ፥ አርአያ ዝናም ብዙኅ አጥፍኦ ለፍህም።" kan jedhaniif.

Sana boodas geessanii mana hidhaa keessatti isa darbatan, isaaniis Qulqullichi Marqooriyoos Kiristoos akka ganuuf beelaan, reebichaan, Ibiddaan, sibiilaanis isa gidirsan isa dararan. Dhuma irrattis garuu isa dararanii akka isa ajjeesaniif gara Isiyaatti geesse. Iddoo sanattis garmalee isa gidirsanii Sadaasa 25 morma isaa Sayifiidhaan muranii Wareegamummaan boqoteera.

Wareegamtichi Qulqulluun Marqooriyoos erga boqote boodas Fardi isaa eebbifamaan waggootaaf Wangeela lallabeera. Ormootas ibidda afaan isaatii ba'uun balleesseera. Wareegamtichi Qulqulluun Marqooriyoos bara 200 dhalatee bara 220 tti gidiraa fudhachuu akka jalqabee fi bara 225 tti Wareegamummaan akka boqote ni amanama.

Eebbiifi Araarsummaan Qulqulluu Marqooriyoos hunda keenya waliin haa ta'u!

Post a Comment

2 Comments

  1. Dhugumaa dhugaatii waaqqaayyoo gooftaan kanumaa caalaa iciitii isaa isiin haa ebsuu ebbii ergaamootaa fi tolootaa waqaayoo isiin irraatii haa bayyaatuu

    ReplyDelete
Emoji
(y)
:)
:(
hihi
:-)
:D
=D
:-d
;(
;-(
@-)
:P
:o
:>)
(o)
:p
(p)
:-s
(m)
8-)
:-t
:-b
b-(
:-#
=p~
x-)
(k)